< Iyyoob 6 >
1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
And Job answers and says:
2 “Utuu gaddi koo safaramee dhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee!
“O that my provocation were thoroughly weighed, And my calamity in balances They would lift up together!
3 Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf, ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture.
For now it is heavier than the sands of the sea, Therefore my words have been rash.
4 Xiyyawwan Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru; hafuurri koo summii isaanii dhuga; sodaachisuun Waaqaa natti hiriireera.
For arrows of the Mighty [are] with me, Whose poison is drinking up my spirit. Terrors of God array themselves [for] me!
5 Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa? Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa?
Does a wild donkey bray over tender grass? Does an ox low over his provender?
6 Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa? Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa?
Is an insipid thing eaten without salt? Is there sense in the drivel of dreams?
7 Ani isa tuquu hin fedhu; nyaanni akkasii na dhukkubsa.
My soul is refusing to touch! They [are] as my sickening food.
8 “Utuu kadhannaan koo deebii argatee, Waaqnis waan ani hawwu naa kennee jiraatee,
O that my request may come, That God may grant my hope!
9 utuu na caccabsuun fedhii Waaqaa taʼee, utuu harki isaa hiikamee na galaafatee!
That God would please—and bruise me, Loose His hand and cut me off!
10 Silaa kun jajjabina naa taʼa ture; dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture; ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii.
And yet it is my comfort (And I exult in pain—He does not spare), That I have not hidden The sayings of the Holy One.
11 “Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali? Akkan obsuufis humni koo maali?
What [is] my power that I should hope? And what [is] my end that I should prolong my life?
12 Ani jabina dhagaa qabaa? Foon koos naasiidhaa?
Is my strength the strength of stones? Is my flesh bronze?
13 Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa? Ogummaan na keessaa badeera mitii?
Is my help not with me, And substance driven from me?
14 “Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.
To a despiser of his friends [is] shame, And the fear of the Mighty he forsakes.
15 Obboloonni koo garuu akka doloolloo, akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota;
My brothers have deceived as a brook, As a stream of brooks they pass away.
16 isaan laga cabbiidhaan booraʼee yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti.
That are black because of ice, By them snow hides itself.
17 Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu; yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu.
By the time they are warm they have been cut off, By its being hot they have been Extinguished from their place.
18 Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu; gammoojjiitti namʼanii dhumu.
The paths turn aside of their way, They ascend into emptiness, and are lost.
19 Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu; karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu.
Passengers of Tema looked expectingly, Travelers of Sheba hoped for them.
20 Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan; achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan.
They were ashamed that one has trusted, They have come to it and are confounded.
21 Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan; gidiraa koo argitanii sodaattan.
Surely now you have become the same! You see a downfall, and are afraid.
22 Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan ‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa?
Is it because I said, Give to me? And, By your power bribe for me?
23 Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan, ‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa?
And, Deliver me from the hand of an adversary? And, Ransom me from the hand of terrible ones?
24 “Na barsiisaa; ani nan calʼisa; iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa.
Show me, and I keep silent, And what I have erred, let me understand.
25 Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha! Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa?
How powerful have been upright sayings, And what reproof from you reproves?
26 Isin waan ani jedhu qajeelchuu, dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu?
For reproof—do you reckon words? And for wind—sayings of the desperate?
27 Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu; michoota keessaniifis boolla qottu.
You cause anger to fall on the fatherless, And are strange to your friend.
28 “Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa. Ani fuula keessan duratti nan sobaa?
And now, please, look on me, Even to your face do I lie?
29 Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa; hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii.
Please turn back, let it not be perverseness, Indeed, turn back again—my righteousness [is] in it.
30 Jalʼinni arraba koo irra jiraa? Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu?
Is there perverseness in my tongue? Does my palate not discern calamity?”