< Iyyoob 5 >

1 “Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa? Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?
“Ita kama unataka, lakini ni nani atakayekujibu? Ni yupi kati ya hao watakatifu utakayemgeukia?
2 Nama gowwaa aariitu ajjeesa; raatuus hinaaffaatu galaafata.
Kuweka uchungu moyoni humuua mpumbavu, nao wivu humchinja mjinga.
3 Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge; manni isaa garuu yoosuma abaarame.
Mimi mwenyewe nimemwona mpumbavu akistawi, lakini ghafula nyumba yake ikawa imelaaniwa.
4 Ijoolleen isaa nagaa hin qaban; isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.
Watoto wake wako mbali na usalama, hushindwa mahakamani bila mtetezi.
5 Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.
Wenye njaa huyala mavuno yake, wakiyatoa hata katikati ya miiba, nao wenye kiu huitamani sana mali yake.
6 Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii; dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.
Kwa maana taabu haioti kutoka kwenye udongo, wala udhia hauchipui kutoka ardhini.
7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu namni rakkinaaf dhalata.
Lakini mwanadamu huzaliwa ili kutaabika, kwa hakika kama cheche za moto zirukavyo kuelekea juu.
8 “Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha; dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.
“Lakini ingekuwa ni mimi, ningemlalamikia Mungu, ningeliweka shauri langu mbele zake.
9 Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye, hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.
Yeye hutenda maajabu yasiyoweza kutambuliwa, miujiza isiyoweza kuhesabika.
10 Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa; lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.
Yeye huipa nchi mvua, huyapeleka maji kunyesha mashamba.
11 Warra gad qabaman ol baasa; warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.
Huwainua juu wanyonge, nao wale waombolezao huinuliwa wakawa salama.
12 Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef, inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.
Huipinga mipango ya wenye hila, ili mikono yao isifikie ufanisi.
13 Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba; malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.
Yeye huwanasa wenye hekima katika hila yao, nayo mipango ya wadanganyifu huifagilia mbali.
14 Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.
Giza huwapata wakati wa mchana; wakati wa adhuhuri hupapasa kama vile usiku.
15 Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, harka nama jabaa jalaas ni baasa.
Humwokoa mhitaji kutokana na upanga ulioko kinywani mwao; huwaokoa kutokana na makucha ya wenye nguvu.
16 Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba; jalʼinnis afaan isaa ni cufata.
Kwa hiyo maskini analo tarajio, nao udhalimu hufumba kinywa chake.
17 “Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
“Heri mtu yule ambaye Mungu humrudi; kwa hiyo usidharau adhabu yake Mwenyezi.
18 Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa; harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.
Kwa kuwa hutia jeraha, lakini pia huyafunga; huumiza, lakini mikono yake pia huponya.
19 Balaa jaʼa jalaa si baasa; torba keessattis hin miidhamtu.
Kutoka majanga sita atakuokoa; naam, hata katika saba hakuna dhara litakalokupata wewe.
20 Bara beelaa duʼa jalaa, lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.
Wakati wa njaa atakukomboa wewe na kifo, naye katika vita atakukomboa na pigo la upanga.
21 Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta; yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
Utalindwa kutokana na kichapo cha ulimi, wala hutakuwa na sababu ya kuogopa maangamizi yatakapokujia.
22 Badiisaa fi beelatti ni kolfita; bineensota lafaas hin sodaattu.
Utayacheka maangamizo na njaa, wala hutakuwa na sababu ya kuwaogopa wanyama wakali wa mwituni.
23 Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta; bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.
Kwa kuwa utakuwa na agano na mawe ya mashamba, nao wanyama wa mwitu watakuwa na amani nawe.
24 Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta; qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.
Utajua ya kwamba hema lako li salama; utahesabu mali zako wala hutakuta chochote kilichopungua.
25 Ijoolleen kee akka baayʼatan, sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.
Utajua ya kuwa watoto wako watakuwa wengi, nao wazao wako wengi kama majani ya nchi.
26 Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana, atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.
Utaingia kaburini ukiwa na umri wa uzee mtimilifu, kama masuke ya ngano yakusanywapo kwa wakati wake.
27 “Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha. Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”
“Tumelichunguza hili, nalo ni kweli. Hivyo lisikie na ulitendee kazi.”

< Iyyoob 5 >