< Iyyoob 5 >

1 “Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa? Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?
קרא נא היש עונך ואל מי מקדשים תפנה׃
2 Nama gowwaa aariitu ajjeesa; raatuus hinaaffaatu galaafata.
כי לאויל יהרג כעש ופתה תמית קנאה׃
3 Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge; manni isaa garuu yoosuma abaarame.
אני ראיתי אויל משריש ואקוב נוהו פתאם׃
4 Ijoolleen isaa nagaa hin qaban; isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.
ירחקו בניו מישע וידכאו בשער ואין מציל׃
5 Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.
אשר קצירו רעב יאכל ואל מצנים יקחהו ושאף צמים חילם׃
6 Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii; dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.
כי לא יצא מעפר און ומאדמה לא יצמח עמל׃
7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu namni rakkinaaf dhalata.
כי אדם לעמל יולד ובני רשף יגביהו עוף׃
8 “Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha; dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.
אולם אני אדרש אל אל ואל אלהים אשים דברתי׃
9 Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye, hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.
עשה גדלות ואין חקר נפלאות עד אין מספר׃
10 Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa; lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.
הנתן מטר על פני ארץ ושלח מים על פני חוצות׃
11 Warra gad qabaman ol baasa; warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.
לשום שפלים למרום וקדרים שגבו ישע׃
12 Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef, inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.
מפר מחשבות ערומים ולא תעשינה ידיהם תושיה׃
13 Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba; malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.
לכד חכמים בערמם ועצת נפתלים נמהרה׃
14 Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.
יומם יפגשו חשך וכלילה ימששו בצהרים׃
15 Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, harka nama jabaa jalaas ni baasa.
וישע מחרב מפיהם ומיד חזק אביון׃
16 Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba; jalʼinnis afaan isaa ni cufata.
ותהי לדל תקוה ועלתה קפצה פיה׃
17 “Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
הנה אשרי אנוש יוכחנו אלוה ומוסר שדי אל תמאס׃
18 Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa; harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.
כי הוא יכאיב ויחבש ימחץ וידו תרפינה׃
19 Balaa jaʼa jalaa si baasa; torba keessattis hin miidhamtu.
בשש צרות יצילך ובשבע לא יגע בך רע׃
20 Bara beelaa duʼa jalaa, lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.
ברעב פדך ממות ובמלחמה מידי חרב׃
21 Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta; yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
בשוט לשון תחבא ולא תירא משד כי יבוא׃
22 Badiisaa fi beelatti ni kolfita; bineensota lafaas hin sodaattu.
לשד ולכפן תשחק ומחית הארץ אל תירא׃
23 Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta; bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.
כי עם אבני השדה בריתך וחית השדה השלמה לך׃
24 Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta; qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.
וידעת כי שלום אהלך ופקדת נוך ולא תחטא׃
25 Ijoolleen kee akka baayʼatan, sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.
וידעת כי רב זרעך וצאצאיך כעשב הארץ׃
26 Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana, atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.
תבוא בכלח אלי קבר כעלות גדיש בעתו׃
27 “Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha. Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”
הנה זאת חקרנוה כן היא שמענה ואתה דע לך׃

< Iyyoob 5 >