< Iyyoob 4 >

1 Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
Ndipo Elifazi Mtemani akajibu:
2 “Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
“Kama mtu akithubutu kuzungumza nawe, kutakukasirisha? Lakini ni nani awezaye kujizuia asiseme?
3 Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
Fikiri jinsi ambavyo umewafundisha watu wengi, jinsi ambavyo umeitia nguvu mikono iliyokuwa dhaifu.
4 Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta.
Maneno yako yamewategemeza wale waliojikwaa; umeyatia nguvu magoti yaliyokuwa dhaifu.
5 Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
Lakini sasa hii taabu imekujia wewe, nawe unashuka moyo; imekupiga wewe, nawe unafadhaika.
6 Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
Je, kumcha Mungu kwako hakupaswi kuwa ndiyo matumaini yako na njia zako kutokuwa na lawama ndilo taraja lako?
7 “Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku?
“Fikiri sasa: Ni mtu yupi asiye na hatia ambaye aliwahi kuangamia? Ni wapi wanyofu waliwahi kuangamizwa?
8 Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
Kwa jinsi ambavyo mimi nimechunguza, wale walimao ubaya na wale hupanda uovu, huvuna hayo hayo hayo.
9 Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
Kwa pumzi ya Mungu huangamizwa; kwa mshindo wa hasira zake huangamia.
10 Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
Simba anaweza kunguruma na kukoroma, lakini bado meno ya simba mkubwa huvunjika.
11 Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
Simba anaweza kuangamia kwa kukosa mawindo, nao wana wa simba jike hutawanyika.
12 “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
“Neno lililetwa kwangu kwa siri, masikio yangu yakasikia mnongʼono wake.
13 Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
Katikati ya ndoto za kutia wasiwasi wakati wa usiku, hapo usingizi mzito uwapatapo wanadamu,
14 sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase.
hofu na kutetemeka kulinishika na kufanya mifupa yangu yote itetemeke.
15 Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
Kuna roho aliyepita mbele ya uso wangu, nazo nywele za mwili wangu zikasimama.
16 Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
Yule roho akasimama, lakini sikuweza kutambua kilikuwa kitu gani. Umbo fulani lilisimama mbele ya macho yangu, kukawa na ukimya kisha nikasikia sauti:
17 ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
‘Je, binadamu aweza kuwa mwadilifu kuliko Mungu? Je, mtu aweza kuwa safi kuliko Muumba wake?
18 Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
Kama Mungu hawaamini watumishi wake, kama yeye huwalaumu malaika zake kwa kukosea,
19 yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
ni mara ngapi zaidi wale waishio katika nyumba za udongo wa mfinyanzi, ambazo misingi yake ipo mavumbini, ambao wamepondwa kama nondo!
20 Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu.
Kati ya mawio na machweo huvunjwa vipande vipande; bila yeyote kutambua, huangamia milele.
21 Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’
Je, kamba za hema yao hazikungʼolewa, hivyo hufa bila hekima?’

< Iyyoob 4 >