< Iyyoob 4 >

1 Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
特曼人厄里法次開始說:
2 “Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
人若和你講話,你能忍受嗎﹖但誰又能忍住不說﹖
3 Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
看,你曾勸戒過許多人,堅固過軟弱無能的人;
4 Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta.
你的話扶起了跌倒的人,堅固了膝弱無力的人;
5 Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
但是現今災禍一臨於你,你就萎靡不振;一接觸你,你就沮喪失意。
6 Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
你敬畏天主之情,豈不是你的依靠﹖你完善的行為,豈不是你的希望﹖
7 “Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku?
請想:那有無辜者喪亡﹖那有正直者消逝﹖
8 Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
照我所見:那播種邪惡的,必收邪惡;散佈毒害的,必收毒害。
9 Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
天主一噓氣,他們即滅亡;一發怒氣,他們即消失。
10 Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
獅吼豹嗥完全止息,幼獅的牙齒也被打碎;
11 Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
壯獅因缺獵物而滅絕,牝獅幼子各自東西離散。
12 “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
我竊聽到一句話,我耳聽見細語聲。
13 Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
當人沉睡時,夜夢多幻象;
14 sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase.
我恐怖戰慄,全身骨頭發抖。
15 Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
寒風掠過我面,使我毛髮悚然。
16 Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
他停立不動,但我不能辨其形狀;我面前出現形影,我聽見細微的聲音:
17 ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
人豈能在天主前自以為義﹖在造他者前,自以為潔﹖
18 Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
看,他的僕役,他還不信;他的使者,他還歸罪,
19 yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
何況那以泥屋為居所,以塵土為基礎的人! 他們為人踐踏,有如蠹蟲;
20 Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu.
晨昏間即化為齏粉,永遠消亡而無人一顧。
21 Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’
幕索如已自斷,他們豈不是因缺少智慧而死亡﹖

< Iyyoob 4 >