< Iyyoob 39 >

1 “Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa? Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa?
“Ka san lokacin da awakin kan dutse suke haihuwa? Ko ka taɓa lura da yadda batsiya take haihuwa?
2 Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa? Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa?
Kana ƙirga watanni nawa suke yi kafin su haihu? Ka san lokacin da suke haihuwa?
3 Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu; foolachuu isaaniis ni hobbaafatu.
Suna kwanciya su haifi’ya’yansu; naƙudarsu ta ƙare bayan sun haihu.
4 Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu; baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis.
’Ya’yansu suna girma kuma suna girma cikin ƙarfi a jeji; sukan tafi ba su dawowa.
5 “Eenyutu harree diidaa gad dhiise? Funyoo isaas eenyutu hiike?
“Wane ne yake sakin jakin dawa yă bar shi? Wane ne yake kunce igiyoyinsu?
6 Ani gammoojjii mana isaa, lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef.
Na sa jeji yă zama gidansa ƙasar gishiri kuma ta zama wurin zamansa.
7 Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa; iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu.
Yana dariyar hargitsin da yake faruwa a cikin gari; ba ya jin tsawar mai tuƙa shi.
8 Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba; waan lalisaa hundas ni barbaada.
Yana kiwo a kan tuddai don abincinsa yana neman kowane ɗanyen abu mai ruwan ciyawa.
9 “Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa? Dallaa kee keessas ni bulaa?
“Ko ɓauna zai yarda yă zauna a wurin sa wa dabbobi abinci? Zai tsaya a ɗakin dabbobinka da dare?
10 Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa? Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa?
Ko za ka iya daure shi da igiya a kwarin kunya? Zai yi maka buɗar gonarka?
11 Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa? Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa?
Ko za ka dogara da shi don yawan ƙarfinsa? Za ka bar masa nauyin aikinka?
12 Akka inni midhaan kee walitti qabee oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa?
Ko za ka amince da shi yă kawo maka hatsinka gida yă tattara shi a masussuka?
13 “Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti; garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu.
“Fikafikan jimina suna bugawa cike da farin ciki amma ba za su gwada kansu da fikafikan da na shamuwa ba.
14 Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti; akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti;
Tana sa ƙwai nata a ƙasa kuma ta bar su su yi ɗumi a cikin ƙasa,
15 garuu akka miilli wayii caccabsu, akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu.
ba tă damu ko za a taka su a fasa su, ko waɗansu manyan dabbobi za su tattake su.
16 Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti; yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti;
Tana tsananta wa’ya’yanta kamar ba nata ba ba tă damu da wahalar da ta sha ba.
17 Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii; yookaan hubannaa isheef hin qoodne.
Gama Allah bai ba ta hikima ba ko kuma iya fahimta.
18 Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti, isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti.
Duk da haka sa’ad da ta buɗe fikafikanta ta shara da gudu tana yi wa doki da mai hawansa dariya.
19 “Ati fardaaf jabina ni kennitaa? Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa?
“Ko kai ne kake ba doki ƙarfinsa kai kake rufe wuyansa da geza mai yawa?
20 Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa? Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha.
Ko kai kake sa shi yă yi tsalle kamar fāra, ba ya jin tsoro sai dai a ji tsoronsa.
21 Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita; baʼees miʼa lolaatti qajeela.
Yana takawa da ƙarfi yana jin daɗin ƙarfinsa yana shiga filin yaƙi gabagadi.
22 Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu; goraadee irraas duubatti hin deebiʼu.
Yana yi wa tsoro dariya ba ya jin tsoron kome; ba ya guje wa takobi.
23 Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha.
Kwari a baka yana lilo a gabansa kibiya da māshi suna wuce kansa.
24 Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha; yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu.
Yana kartar ƙasa da ƙarfi; ba ya iya tsayawa tsab sa’ad da ya ji busar ƙaho.
25 Inni yommuu malakanni afuufamutti ‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa, foolii waraanaa illee fagoottu suufa.
Da jin ƙarar ƙaho sai ya ce, ‘Yauwa!’ Ya ji ƙanshin yaƙi daga nesa, da ihun shugabannin yaƙi.
26 “Cululleen ogummaa keetiin barriftee qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii?
“Ko ta wurin hikimarka ce shirwa take firiya take kuma baza fikafikanta zuwa kudu?
27 Risaan ajaja keetiin ol baʼee ol fagootti mana isaa ijaarrataa?
Ko da umarninka ne shaho yake firiya ya kuma yi sheƙarsa a can sama?
28 Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula; kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti.
Yana zama a kan dutse yă zauna a wurin da dare; cikin duwatsu ne wurin zamansa.
29 Achi taaʼees waan nyaatu adamsa; iji isaas fagootti waan sana arga.
Daga can yake neman abincinsa; idanunsa suna gani daga nesa.
30 Cuucoliin isaa dhiiga dhugu; innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.”
’Ya’yansa suna shan jini, inda akwai waɗanda aka kashe nan za a same shi.”

< Iyyoob 39 >