< Iyyoob 39 >
1 “Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa? Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa?
“Do you know when mountain goats give birth? Have you watched the doe bear her fawn?
2 Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa? Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa?
Can you count the months they are pregnant? Do you know the time they give birth?
3 Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu; foolachuu isaaniis ni hobbaafatu.
They crouch down and bring forth their young; they deliver their newborn.
4 Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu; baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis.
Their young ones thrive and grow up in the open field; they leave and do not return.
5 “Eenyutu harree diidaa gad dhiise? Funyoo isaas eenyutu hiike?
Who set the wild donkey free? Who released the swift donkey from the harness?
6 Ani gammoojjii mana isaa, lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef.
I made the wilderness his home and the salt flats his dwelling.
7 Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa; iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu.
He scorns the tumult of the city and never hears the shouts of a driver.
8 Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba; waan lalisaa hundas ni barbaada.
He roams the mountains for pasture, searching for any green thing.
9 “Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa? Dallaa kee keessas ni bulaa?
Will the wild ox consent to serve you? Will he stay by your manger at night?
10 Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa? Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa?
Can you hold him to the furrow with a harness? Will he plow the valleys behind you?
11 Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa? Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa?
Can you rely on his great strength? Will you leave your hard work to him?
12 Akka inni midhaan kee walitti qabee oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa?
Can you trust him to bring in your grain and gather it to your threshing floor?
13 “Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti; garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu.
The wings of the ostrich flap joyfully, but cannot match the pinions and feathers of the stork.
14 Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti; akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti;
For she leaves her eggs on the ground and lets them warm in the sand.
15 garuu akka miilli wayii caccabsu, akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu.
She forgets that a foot may crush them, or a wild animal may trample them.
16 Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti; yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti;
She treats her young harshly, as if not her own, with no concern that her labor was in vain.
17 Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii; yookaan hubannaa isheef hin qoodne.
For God has deprived her of wisdom; He has not endowed her with understanding.
18 Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti, isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti.
Yet when she proudly spreads her wings, she laughs at the horse and its rider.
19 “Ati fardaaf jabina ni kennitaa? Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa?
Do you give strength to the horse or adorn his neck with a mane?
20 Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa? Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha.
Do you make him leap like a locust, striking terror with his proud snorting?
21 Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita; baʼees miʼa lolaatti qajeela.
He paws in the valley and rejoices in his strength; he charges into battle.
22 Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu; goraadee irraas duubatti hin deebiʼu.
He laughs at fear, frightened of nothing; he does not turn back from the sword.
23 Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha.
A quiver rattles at his side, along with a flashing spear and lance.
24 Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha; yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu.
Trembling with excitement, he devours the distance; he cannot stand still when the ram’s horn sounds.
25 Inni yommuu malakanni afuufamutti ‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa, foolii waraanaa illee fagoottu suufa.
At the blast of the horn, he snorts with fervor. He catches the scent of battle from afar— the shouts of captains and the cry of war.
26 “Cululleen ogummaa keetiin barriftee qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii?
Does the hawk take flight by your understanding and spread his wings toward the south?
27 Risaan ajaja keetiin ol baʼee ol fagootti mana isaa ijaarrataa?
Does the eagle soar at your command and make his nest on high?
28 Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula; kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti.
He dwells on a cliff and lodges there; his stronghold is on a rocky crag.
29 Achi taaʼees waan nyaatu adamsa; iji isaas fagootti waan sana arga.
From there he spies out food; his eyes see it from afar.
30 Cuucoliin isaa dhiiga dhugu; innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.”
His young ones feast on blood; and where the slain are, there he is.”