< Iyyoob 38 >
1 Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes:
Kisha Bwana akamjibu Ayubu kutoka upepo wa kisulisuli. Akasema:
2 “Namni dubbii beekumsa malee dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?
“Nani huyu atiaye mashauri yangu giza kwa maneno yasiyo na maarifa?
3 Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kenni.
Jikaze kama mwanaume; nitakuuliza swali, nawe unijibu.
4 “Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? Yoo hubatte mee natti himi.
“Ulikuwa wapi nilipoweka misingi ya dunia? Niambie, kama unafahamu.
5 Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa? Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?
Ni nani aliyeweka alama vipimo vyake? Hakika wewe unajua! Ni nani aliyenyoosha kamba ya kupimia juu yake?
6 Hundeen ishee maal irra dhaabame? Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?
Je, misingi yake iliwekwa juu ya nini, au ni nani aliyeweka jiwe la pembeni,
7 Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
wakati nyota za asubuhi zilipoimba pamoja, na malaika wote walipokuwa wakipiga kelele kwa furaha?
8 “Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti eenyutu balbala itti cufee ittise?
“Ni nani aliyeifungia bahari milango ilipopasuka kutoka tumbo,
9 Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee dukkana guddaan maretti,
nilipoyafanya mawingu kuwa vazi lake, na kuyafungia katika giza nene,
10 yeroo ani daangaa isaa dhaabee balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,
nilipoamuru mipaka yake, na kuiweka milango yake na makomeo mahali pake,
11 anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu; dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
niliposema, ‘Unaweza kufika mpaka hapa wala si zaidi; hapa ndipo mawimbi yako yenye kiburi yatakapokomea’?
12 “Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?
“Umepata kuiamrisha asubuhi ipambazuke, au kuyaonyesha mapambazuko mahali pake,
13 Akka inni handaara lafaa qabatee namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?
yapate kushika miisho ya dunia, na kuwakungʼuta waovu waliomo?
14 Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti; bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.
Dunia hubadilika kama udongo wa mfinyanzi chini ya lakiri; sura yake hukaa kama ile ya vazi.
15 Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru; irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.
Waovu huzuiliwa nuru yao, nao mkono wao ulioinuliwa huvunjwa.
16 “Ati gara burqaa galaanaa gad buutee yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?
“Je, umepata kufika kwenye chemchemi za bahari? Au kutembea mahali pa ndani pa vilindi?
17 Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa? Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?
Umewahi kuonyeshwa malango ya mauti? Umewahi kuiona milango ya uvuli wa mauti?
18 Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa? Yoo kana hunda beekte dubbadhu.
Je, wewe unafahamu ukubwa wa dunia? Niambie kama unajua haya yote.
19 “Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami? Dukkannis eessa jiraata?
“Njia ya kufika kwenye makao ya nuru ni ipi? Nako maskani mwa giza ni wapi?
20 Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa? Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?
Je, unaweza kuvirudisha kwenye makao yake? Unajua njia za kufika maskani mwake?
21 Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii! Ati bara hedduu jiraatteerta!
Hakika unajua, kwa kuwa ulikuwa umeshazaliwa! Kwani umeishi miaka mingi!
22 “Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa dhagaa cabbii argiteertaa?
“Je, umeshawahi kuingia katika ghala za theluji, au kuona ghala za mvua ya mawe,
23 Kan ani yeroo rakkinaatiif, guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?
ambazo nimeziweka akiba kwa ajili ya wakati wa taabu, na kwa ajili ya wakati wa vita na mapigano?
24 Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?
Ni ipi njia iendayo mahali umeme wa radi unapotawanyiwa, au mahali upepo wa mashariki unaposambaziwa juu ya dunia?
25 Eenyutu lolaadhaaf boʼoo, bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,
Ni nani aliyepasua mifereji kwa ajili ya maji mengi ya mvua yaendayo kasi na njia ya umeme wa radi,
26 lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,
ili kusababisha mvua kunyeshea mahali pasipokaliwa na mtu, jangwa lisilo na yeyote ndani yake,
27 lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee margas itti biqilchu eenyu?
ili kuitosheleza nchi ya ukiwa na jangwa, na majani yaanze kumea ndani yake?
28 Roobni abbaa qabaa? Copha fixeensaa eenyutu dhalche?
Je, mvua ina baba? Ni nani baba azaaye matone ya umande?
29 Cabbiin garaa eenyuutii baʼa? Qorra samii eenyutu dhala?
Barafu inatoka tumbo la nani? Ni nani azaaye ukungu kutoka mbinguni,
30 Bishaanonni akka dhagaa jabaatu, fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.
wakati maji yawapo magumu kama jiwe, wakati uso wa vilindi vya maji unapoganda?
31 “Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa? Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?
“Je, waweza kuufunga mnyororo wa Kilimia? Waweza kulegeza kamba za Orioni?
32 Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?
Waweza kuyaongoza makundi ya nyota kwa majira yake, au kuongoza Dubu na watoto wake?
33 Seera samiiwwanii beektaa? Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?
Je, unajua sheria zinazotawala mbingu? Waweza kuweka utawala wa Mungu duniani?
34 “Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee, lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?
“Waweza kuiinua sauti yako mpaka mawinguni, na kujifunika mwenyewe na gharika ya maji?
35 Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa? Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?
Je, wewe hutuma umeme wa radi kwenye njia zake? Je, hutoa taarifa kwako kukuambia, ‘Sisi tuko hapa’?
36 Eenyutu yaada garaatiif ogummaa yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?
Ni nani aliyeujalia moyo hekima au kuzipa akili ufahamu?
37 Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba? Eenyutu okkotee bishaan samii
Nani mwenye hekima ya kuyahesabu mawingu? Ni nani awezaye kuinamisha magudulia ya mbinguni
38 yeroo biyyoon jabaattutti, yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?
wakati mavumbi yawapo magumu, na mabonge ya udongo kushikamana pamoja?
39 “Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee saafela leencaas beela baaftee
“Je, utamwindia simba jike mawindo, na kuwashibisha simba wenye njaa
40 yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii waa eeggatanitti beela ni baaftaa?
wakati wao wamejikunyata mapangoni mwao, au wakivizia kichakani?
41 Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan, yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti, arraagessaaf nyaata kenna?
Ni nani ampaye kunguru chakula wakati makinda yake yanamlilia Mungu, yakizungukazunguka kwa ajili ya kukosa chakula?