< Iyyoob 38 >
1 Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes:
Then the LORD answered Job out of the whirlwind and said:
2 “Namni dubbii beekumsa malee dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?
“Who is this who obscures My counsel by words without knowledge?
3 Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kenni.
Now brace yourself like a man; I will question you, and you shall inform Me.
4 “Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? Yoo hubatte mee natti himi.
Where were you when I laid the foundations of the earth? Tell Me, if you have understanding.
5 Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa? Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?
Who fixed its measurements? Surely you know! Or who stretched a measuring line across it?
6 Hundeen ishee maal irra dhaabame? Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?
On what were its foundations set, or who laid its cornerstone,
7 Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
while the morning stars sang together and all the sons of God shouted for joy?
8 “Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti eenyutu balbala itti cufee ittise?
Who enclosed the sea behind doors when it burst forth from the womb,
9 Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee dukkana guddaan maretti,
when I made the clouds its garment and thick darkness its blanket,
10 yeroo ani daangaa isaa dhaabee balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,
when I fixed its boundaries and set in place its bars and doors,
11 anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu; dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
and I declared: ‘You may come this far, but no farther; here your proud waves must stop’?
12 “Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?
In your days, have you commanded the morning or assigned the dawn its place,
13 Akka inni handaara lafaa qabatee namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?
that it might spread to the ends of the earth and shake the wicked out of it?
14 Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti; bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.
The earth takes shape like clay under a seal; its hills stand out like the folds of a garment.
15 Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru; irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.
Light is withheld from the wicked, and their upraised arm is broken.
16 “Ati gara burqaa galaanaa gad buutee yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?
Have you journeyed to the vents of the sea or walked in the trenches of the deep?
17 Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa? Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?
Have the gates of death been revealed to you? Have you seen the gates of the shadow of death?
18 Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa? Yoo kana hunda beekte dubbadhu.
Have you surveyed the extent of the earth? Tell Me, if you know all this.
19 “Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami? Dukkannis eessa jiraata?
Where is the way to the home of light? Do you know where darkness resides,
20 Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa? Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?
so you can lead it back to its border? Do you know the paths to its home?
21 Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii! Ati bara hedduu jiraatteerta!
Surely you know, for you were already born! And the number of your days is great!
22 “Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa dhagaa cabbii argiteertaa?
Have you entered the storehouses of snow or observed the storehouses of hail,
23 Kan ani yeroo rakkinaatiif, guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?
which I hold in reserve for times of trouble, for the day of war and battle?
24 Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?
In which direction is the lightning dispersed, or the east wind scattered over the earth?
25 Eenyutu lolaadhaaf boʼoo, bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,
Who cuts a channel for the flood or clears a path for the thunderbolt,
26 lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,
to bring rain on a barren land, on a desert where no man lives,
27 lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee margas itti biqilchu eenyu?
to satisfy the parched wasteland and make it sprout with tender grass?
28 Roobni abbaa qabaa? Copha fixeensaa eenyutu dhalche?
Does the rain have a father? Who has begotten the drops of dew?
29 Cabbiin garaa eenyuutii baʼa? Qorra samii eenyutu dhala?
From whose womb does the ice emerge? Who gives birth to the frost from heaven,
30 Bishaanonni akka dhagaa jabaatu, fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.
when the waters become hard as stone and the surface of the deep is frozen?
31 “Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa? Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?
Can you bind the chains of the Pleiades or loosen the belt of Orion?
32 Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?
Can you bring forth the constellations in their seasons or lead out the Bear and her cubs?
33 Seera samiiwwanii beektaa? Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?
Do you know the laws of the heavens? Can you set their dominion over the earth?
34 “Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee, lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?
Can you command the clouds so that a flood of water covers you?
35 Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa? Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?
Can you send the lightning bolts on their way? Do they report to you, ‘Here we are’?
36 Eenyutu yaada garaatiif ogummaa yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?
Who has put wisdom in the heart or given understanding to the mind?
37 Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba? Eenyutu okkotee bishaan samii
Who has the wisdom to count the clouds? Or who can tilt the water jars of the heavens
38 yeroo biyyoon jabaattutti, yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?
when the dust hardens into a mass and the clods of earth stick together?
39 “Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee saafela leencaas beela baaftee
Can you hunt the prey for a lioness or satisfy the hunger of young lions
40 yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii waa eeggatanitti beela ni baaftaa?
when they crouch in their dens and lie in wait in the thicket?
41 Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan, yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti, arraagessaaf nyaata kenna?
Who provides food for the raven when its young cry out to God as they wander about for lack of food?