< Iyyoob 37 >

1 “Kana irratti onneen koo ni dhikkifata; iddoo isaatiis ni uʼutaala.
“Wannan ya sa gabana ya fāɗi, zuciyata ta yi tsalle.
2 Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa, guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.
Ka saurara! Ka saurari rurin muryarsa, tsawar da take fita daga bakinsa.
3 Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa; gara handaara lafaattis ni erga.
Ya saki walƙiyarsa, a ƙarƙashin dukan sammai ya kuma aika ta ko’ina a cikin duniya.
4 Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa; inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa. Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti, inni waan tokko illee hin qusatu.
Bayan wannan sai ƙarar rurinsa ta biyo; Ya tsawata da muryarsa mai girma. Sa’ad da ya sāke yin tsawa ba ya rage wani abu.
5 Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa; inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.
Muryar Allah tana tsawatawa a hanyoyi masu ban al’ajabi; yana yin manyan abubuwa waɗanda sun wuce ganewarmu.
6 Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’ tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.
Yakan ce wa dusar ƙanƙara, ‘Fāɗo a kan duniya,’ ya kuma ce wa ruwa, ‘Zubo da ƙarfi.’
7 Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf, inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.
Domin dukan mutanen da ya halitta za su san aikinsa, ya hana kowane mutum yin wahalar aiki.
8 Bineensonni holqa isaaniitti galu; daʼannoo isaanii keessas ni turu.
Dabbobi sun ɓoye; sun zauna cikin kogunansu.
9 Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa; dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.
Guguwa tana fitowa daga inda take, sanyi kuma daga iska mai sanyi.
10 Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma; bishaanonni babalʼaanis ni ititu.
Da numfashinsa Allah yana samar da ƙanƙara sai manyan ruwaye su zama ƙanƙara.
11 Inni duumessoota bishaan baachisa; bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.
Yana cika gizagizai da lema; yana baza walƙiyarsa ta cikinsu.
12 Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf, qajeelfama inni kennuun addunyaa hunda irra naannaʼu.
Bisa ga bishewarsa suke juyawa a kan fuskar duniya, suna yin dukan abin da ya umarce su su yi.
13 Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.
Yana aiko da ruwa domin horon mutane, ko kuma don yă jiƙa duniya yă kuma nuna ƙaunarsa.
14 “Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii hojii Waaqaa isa dinqisiisaa sana hubadhu.
“Ka saurari wannan Ayuba; ka tsaya ka dubi abubuwan al’ajabi na Allah.
15 Waaqni akkamitti duumessoota akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?
Ko ka san yadda Allah yake iko da gizagizai ya kuma sa walƙiyarsa ta haskaka?
16 Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan, hojii dinqisiisaa Waaqaa isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?
Ko ka san yadda gizagizai suke tsayawa cik a sararin sama, waɗannan abubuwa al’ajabi na mai cikakken sani.
17 Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,
Kai mai sa kaya don ka ji ɗumi lokacin da iska mai sanyi take hurawa,
18 samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
ko za ka iya shimfiɗa sararin sama tare da shi da ƙarfi kamar madubi?
19 “Waan nu isaan jennu nutti himi; nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.
“Gaya mana abin da ya kamata mu ce masa; ba za mu iya kawo ƙara ba domin duhunmu.
20 Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa? Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?
Ko za a gaya masa cewa ina so in yi magana? Ko wani zai nemi a haɗiye shi?
21 Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee, namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
Yanzu ba wanda zai iya kallon rana, yadda take da haske a sararin sama bayan iska ta share ta.
22 Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa; inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.
Yana fitowa daga arewa da haske na zinariya, Allah yana zuwa da ɗaukaka mai ban al’ajabi.
23 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli; inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha; qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.
Maɗaukaki ya fi ƙarfin ganewarmu, shi babban mai iko ne, mai gaskiya da babban adalci, ba ya cutar mutum.
24 Kanaafuu, namoonni isa sodaatu; inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.”
Saboda haka, mutane suke girmama shi, ko bai kula da waɗanda suke gani su masu hikima ba ne?”

< Iyyoob 37 >