< Iyyoob 37 >
1 “Kana irratti onneen koo ni dhikkifata; iddoo isaatiis ni uʼutaala.
At this also mine heart is astonied, and is mooued out of his place.
2 Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa, guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.
Heare the sound of his voyce, and the noyse that goeth out of his mouth.
3 Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa; gara handaara lafaattis ni erga.
He directeth it vnder the whole heauen, and his light vnto the endes of the world.
4 Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa; inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa. Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti, inni waan tokko illee hin qusatu.
After it a noyse soundeth: hee thundereth with the voyce of his maiestie, and hee will not stay them when his voyce is heard.
5 Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa; inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.
God thundereth marueilously with his voyce: he worketh great things, which we know not.
6 Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’ tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.
For he sayth to the snowe, Be thou vpon the earth: likewise to the small rayne and to the great rayne of his power.
7 Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf, inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.
With the force thereof he shutteth vp euery man, that all men may knowe his worke.
8 Bineensonni holqa isaaniitti galu; daʼannoo isaanii keessas ni turu.
Then the beastes go into the denne, and remaine in their places.
9 Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa; dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.
The whirlewind commeth out of the South, and the colde from the North winde.
10 Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma; bishaanonni babalʼaanis ni ititu.
At the breath of God the frost is giuen, and the breadth of the waters is made narrowe.
11 Inni duumessoota bishaan baachisa; bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.
He maketh also the cloudes to labour, to water the earth, and scattereth the cloude of his light.
12 Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf, qajeelfama inni kennuun addunyaa hunda irra naannaʼu.
And it is turned about by his gouernment, that they may doe whatsoeuer he commandeth them vpon the whole worlde:
13 Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.
Whether it be for punishment, or for his lande, or of mercie, he causeth it to come.
14 “Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii hojii Waaqaa isa dinqisiisaa sana hubadhu.
Hearken vnto this, O Iob: stand and consider the wonderous workes of God.
15 Waaqni akkamitti duumessoota akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?
Diddest thou knowe when God disposed them? and caused the light of his cloud to shine?
16 Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan, hojii dinqisiisaa Waaqaa isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?
Hast thou knowen the varietie of the cloude, and the wonderous workes of him, that is perfite in knowledge?
17 Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,
Or howe thy clothes are warme, when he maketh the earth quiet through the South winde?
18 samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
Hast thou stretched out the heaues, which are strong, and as a molten glasse?
19 “Waan nu isaan jennu nutti himi; nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.
Tell vs what we shall say vnto him: for we can not dispose our matter because of darknes.
20 Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa? Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?
Shall it be told him when I speake? or shall man speake when he shalbe destroyed?
21 Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee, namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
And nowe men see not the light, which shineth in the cloudes, but the winde passeth and clenseth them.
22 Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa; inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.
The brightnesse commeth out of the North: the praise thereof is to God, which is terrible.
23 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli; inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha; qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.
It is the Almightie: we can not finde him out: he is excellent in power and iudgement, and aboundant in iustice: he afflicteth not.
24 Kanaafuu, namoonni isa sodaatu; inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.”
Let men therefore feare him: for he will not regarde any that are wise in their owne conceit.