< Iyyoob 36 >
1 Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe:
And Elihu continued:
2 “Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi.
“Bear with me a little longer, and I will show you that there is more to be said on God’s behalf.
3 Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida; qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa.
I get my knowledge from afar, and I will ascribe justice to my Maker.
4 Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu; kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira.
For truly my words are free of falsehood; one perfect in knowledge is with you.
5 “Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu; inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata.
Indeed, God is mighty, but He despises no one; He is mighty in strength of understanding.
6 Inni hamoota hin jiraachisu; warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna.
He does not keep the wicked alive, but He grants justice to the afflicted.
7 Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu; mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa; bara baraanis ol isaan guddisa.
He does not take His eyes off the righteous, but He enthrones them with kings and exalts them forever.
8 Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman, yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman,
And if men are bound with chains, caught in cords of affliction,
9 inni hojii isaanii, daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima.
then He tells them their deeds and how arrogantly they have transgressed.
10 Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana; akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja.
He opens their ears to correction and commands that they turn from iniquity.
11 Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, bara jireenya isaanii badhaadhummaan, umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu.
If they obey and serve Him, then they end their days in prosperity and their years in happiness.
12 Yoo ajajamuu baatan garuu, goraadeedhaan badu; beekumsa malees ni duʼu.
But if they do not obey, then they perish by the sword and die without knowledge.
13 “Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu; yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan.
The godless in heart harbor resentment; even when He binds them, they do not cry for help.
14 Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu; jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada.
They die in their youth, among the male shrine prostitutes.
15 Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa; rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata.
God rescues the afflicted by their affliction and opens their ears in oppression.
16 “Inni dhiphina keessaa si baasee gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti, maaddii coomaan guutametti si geessa.
Indeed, He drew you from the jaws of distress to a spacious and broad place, to a table full of richness.
17 Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera; murtii fi haqni si qabataniiru.
But now you are laden with the judgment due the wicked; judgment and justice have seized you.
18 Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu; akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin.
Be careful that no one lures you with riches; do not let a large bribe lead you astray.
19 Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa?
Can your wealth or all your mighty effort keep you from distress?
20 Halkan itti namoonni mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin.
Do not long for the night, when people vanish from their homes.
21 Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu; qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii.
Be careful not to turn to iniquity, for this you have preferred to affliction.
22 “Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eenyu?
Behold, God is exalted in His power. Who is a teacher like Him?
23 Namni karaa isatti himu, yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu?
Who has appointed His way for Him, or told Him, ‘You have done wrong’?
24 Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana, leellisuu hin dagatin.
Remember to magnify His work, which men have praised in song.
25 Namni hundinuu argeera; tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala.
All mankind has seen it; men behold it from afar.
26 Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu; baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu.
Indeed, God is great—beyond our knowledge; the number of His years is unsearchable.
27 “Inni copha bishaanii ol baasa; hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara.
For He draws up drops of water which distill the rain from the mist,
28 Duumessis jiidha isaa gad coccobsa; bokkaan guddaanis namatti rooba.
which the clouds pour out and shower abundantly on mankind.
29 Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu, akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa?
Furthermore, who can understand how the clouds spread out, how the thunder roars from His pavilion?
30 Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu, akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali.
See how He scatters His lightning around Him and covers the depths of the sea.
31 Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha.
For by these He judges the nations and provides food in abundance.
32 Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta; akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja.
He fills His hands with lightning and commands it to strike its mark.
33 Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa; looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu.
The thunder declares His presence; even the cattle regard the rising storm.