< Iyyoob 36 >

1 Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe:
Ndipo Elihu anapitirira kuyankhula nati:
2 “Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi.
“Mundilole pangʼono pokha ndipo ndikuonetsani kuti zilipo zambiri zoti ziyankhulidwe mʼmalo mwa Mulungu.
3 Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida; qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa.
Nzeru zanga ndimazitenga kutali; ndidzaonetsa kulungama kwa Mlengi wanga.
4 Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu; kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira.
Ndithudi mawu anga si abodza; wanzeru zangwiro ali ndi inu.
5 “Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu; inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata.
“Mulungu ndi wamphamvu, koma sanyoza anthu; Iye ndi wamphamvu, ndipo ndi wokhazikika pa cholinga chake.
6 Inni hamoota hin jiraachisu; warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna.
Salola oyipa kuti akhalebe ndi moyo koma amapereka ufulu kwa anthu osautsidwa.
7 Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu; mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa; bara baraanis ol isaan guddisa.
Iye saleka kuyangʼanira anthu olungama; amawayika kuti alamulire pamodzi ndi mafumu ndipo amawalemekeza mpaka muyaya.
8 Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman, yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman,
Koma ngati anthu amangidwa ndi unyolo, ndipo akondwa ndi zingwe zamasautso,
9 inni hojii isaanii, daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima.
Iye amawafotokozera zomwe anachita, kuti iwo anachimwa modzikuza.
10 Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana; akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja.
Mulungu amawatsekula makutu kuti amve malangizo ake ndipo amawalamula kuti alape zoyipa zawo.
11 Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, bara jireenya isaanii badhaadhummaan, umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu.
Ngati iwo amumvera ndi kumutumikira, adzatsiriza masiku a moyo wawo mwamtendere, adzatsiriza zaka zawo mosangalala.
12 Yoo ajajamuu baatan garuu, goraadeedhaan badu; beekumsa malees ni duʼu.
Koma ngati samvera, adzaphedwa ndi lupanga ndipo adzafa osadziwa kanthu.
13 “Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu; yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan.
“Anthu osapembedza amasunga mkwiyo mu mtima mwawo; akawalanga, safuwulira kwa Iye kupempha thandizo.
14 Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu; jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada.
Amafa akanali achinyamata, pakati pa amuna achiwerewere a kumalo azipembedzo.
15 Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa; rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata.
Koma ovutika, Iye amawapulumutsa pa mavuto awo; Mulungu amawayankhula mʼmasautso awowo.
16 “Inni dhiphina keessaa si baasee gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti, maaddii coomaan guutametti si geessa.
“Iye akukukopani inu kuti muchoke mʼmasautso, kuti mupite ku malo aakulu kumene kulibe chokutchingani, kumalo a mpumulo kumene kuli chakudya chabwino kwambiri.
17 Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera; murtii fi haqni si qabataniiru.
Koma tsopano inu mwapezeka wopalamula chifukwa cha kuyipa kwanu; chiweruzo ndi chilungamo chakugwerani.
18 Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu; akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin.
Muchenjere kuti wina asakukopeni ndi chuma; musalole kuti chiphuphu chachikulu chikusocheretseni.
19 Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa?
Kodi chuma chanu kapena mphamvu zanu zonse zingakusungeni kotero kuti simungakhale pa masautso?
20 Halkan itti namoonni mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin.
Musalakalake kuti usiku ubwere, pakuti ndiyo nthawi imene anthu adzawonongeka.
21 Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu; qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii.
Muchenjere kuti musatembenukire ku uchimo, chifukwa uchimowo ndiwo unabweretsa kuzunzika kwanu.
22 “Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eenyu?
“Taonani, Mulungu ndi wamkulu ndiponso ndi wamphamvu. Kodi ndi mphunzitsi uti amene angafanane naye?
23 Namni karaa isatti himu, yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu?
Kodi ndani amene anamuwuzapo Mulungu zoti achite, kapena kumuwuza kuti, ‘Inu mwachita chinthu cholakwa?’
24 Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana, leellisuu hin dagatin.
Kumbukirani kutamanda ntchito zake zimene anthu amaziyamika mʼnyimbo.
25 Namni hundinuu argeera; tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala.
Anthu onse amaziona ntchitozo; anthuwo amaziona ali kutali.
26 Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu; baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu.
Ndithudi, Mulungu ndi wamkulu, sitimudziwa nʼpangʼono pomwe! Chiwerengero cha zaka zake nʼchosadziwika.
27 “Inni copha bishaanii ol baasa; hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara.
“Mulungu ndiye amakweza timadontho tamadzi kuthambo, timene timasungunuka nʼkukhala mvula;
28 Duumessis jiidha isaa gad coccobsa; bokkaan guddaanis namatti rooba.
mitambo imagwetsa mvulayo ndipo mvulayo imavumbwa pa anthu mokwanira.
29 Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu, akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa?
Kodi ndani amene angadziwe momwe mitambo imayendera, momwe Iye amabangulira kuchokera kumalo ake?
30 Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu, akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali.
Taonani momwe amawalitsira zingʼaningʼani pa malo ake onse, zimafika ngakhale pansi pa nyanja.
31 Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha.
Umu ndi mmene Iye amalamulira mitundu ya anthu ndi kuwapatsa chakudya chochuluka.
32 Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta; akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja.
Amadzaza manja ake ndi zingʼaningʼani, ndipo amazilamulira kuti zigwe pamalo pamene Iye akufuna.
33 Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa; looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu.
Mabingu ake amalengeza za kubwera kwa mvula yamkuntho; ngʼombe nazo zimalengeza za kubwera kwake.

< Iyyoob 36 >