< Iyyoob 35 >

1 Eliihuunis itti fufee akkana jedhe:
Bongo Eliwu alobaki:
2 “Ati waan kana qajeelaa seetaa? Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta.
« Boni, okanisi ete yango ezali sembo? Olobi: ‹ Nazali sembo liboso ya Nzambe. ›
3 Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba? Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.
Nzokande, ozali koloba: ‹ Nakozwa nini, litomba nini nakozwa soki nasali masumu te? ›
4 “Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif deebii kennuu nan barbaada.
Nalingi kopesa yo eyano, yo elongo na baninga na yo.
5 Ol jedhiitii samiiwwan ilaali; duumessoota siin ol jiranis argi.
Tombola miso na likolo mpe tala; mona ndenge mapata ezali likolo na yo.
6 Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita? Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?
Soki osali masumu, ekosala Nzambe nini? Soki masumu na yo ezali ebele, ekosala Ye nini?
7 Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita? Yookaan inni harka kee irraa maal argata?
Soki ozali sembo, okopesa Ye nini to akozwa nini na loboko na yo?
8 Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha; qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.
Mabe na yo ekokomela kaka bazalani na yo, bosembo na yo ezali na litomba kaka epai ya bana na bato.
9 “Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu; irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.
Bato bazali kolela na se ya mokumba ya minyoko, bazali koganga na se ya motema makasi ya bato minene.
10 Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu; ‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,
Kasi moto moko te azali koloba: ‹ Nzambe Mokeli na ngai, Ye oyo apesaka banzembo ya esengo na butu,
11 kan bineensota lafa irraa caalaa beektota, simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’
Ye oyo ateyaka biso koleka banyama ya mokili mpe akomisaka biso mayele koleka bandeke ya likolo, azali wapi? ›
12 Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.
Ata bagangi, Nzambe akoyanola te, mpo na lolendo ya bato mabe.
13 Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.
Pamba te, Nzambe ayokaka te maloba na bango ya pamba, Nkolo-Na-Nguya-Nyonso azalaka ata na bokebi na yango te.
14 Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira; ani isa eeggachaan jira; garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette, inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!
Nzokande, yo ozali komeka koloba ete ozali komona Ye te, ete ozwi nanu eyano te na kolela na yo epai na Ye.
15 Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef, sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,
Mpe sik’oyo, soki kanda ya Nzambe eyei nanu likolo na yo te mpe soki Ye azali nanu kobosana maloba na yo ya soni,
16 Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana; beekumsa malees dubbii baayʼisa.”
elingi koloba ete yo, Yobo, ofungoli monoko na yo kaka na pamba mpe otondisi yango na maloba ya bozoba. »

< Iyyoob 35 >