< Iyyoob 35 >

1 Eliihuunis itti fufee akkana jedhe:
And Elihu went on to say:
2 “Ati waan kana qajeelaa seetaa? Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta.
“Do you think this is just? You say, ‘I am more righteous than God.’
3 Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba? Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.
For you ask, ‘What does it profit me, and what benefit do I gain apart from sin?’
4 “Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif deebii kennuu nan barbaada.
I will reply to you and to your friends as well.
5 Ol jedhiitii samiiwwan ilaali; duumessoota siin ol jiranis argi.
Look to the heavens and see; gaze at the clouds high above you.
6 Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita? Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?
If you sin, what do you accomplish against Him? If you multiply your transgressions, what do you do to Him?
7 Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita? Yookaan inni harka kee irraa maal argata?
If you are righteous, what do you give Him, or what does He receive from your hand?
8 Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha; qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.
Your wickedness affects only a man like yourself, and your righteousness only a son of man.
9 “Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu; irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.
Men cry out under great oppression; they plead for relief from the arm of the mighty.
10 Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu; ‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,
But no one asks, ‘Where is God my Maker, who gives us songs in the night,
11 kan bineensota lafa irraa caalaa beektota, simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’
who teaches us more than the beasts of the earth and makes us wiser than the birds of the air?’
12 Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.
There they cry out, but He does not answer, because of the pride of evil men.
13 Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.
Surely God does not listen to empty pleas, and the Almighty does not take note of it.
14 Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira; ani isa eeggachaan jira; garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette, inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!
How much less, then, when you say that you do not see Him, that your case is before Him and you must wait for Him,
15 Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef, sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,
and further, that in His anger He has not punished or taken much notice of folly!
16 Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana; beekumsa malees dubbii baayʼisa.”
So Job opens his mouth in vain and multiplies words without knowledge.”

< Iyyoob 35 >