< Iyyoob 34 >

1 Eliihuun akkana jedhe:
ויען אליהוא ויאמר
2 “Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa; beektonnis na dhaggeeffadhaa.
שמעו חכמים מלי וידעים האזינו לי
3 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii calalaatii.
כי-אזן מלין תבחן וחך יטעם לאכל
4 Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu; waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu.
משפט נבחרה-לנו נדעה בינינו מה-טוב
5 “Iyyoob akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha; Waaqni garuu murtii qajeelaa narraa fudhate.
כי-אמר איוב צדקתי ואל הסיר משפטי
6 Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu, akka sobduuttin herregame; ani yakka qabaachuu baadhu illee xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’
על-משפטי אכזב אנוש חצי בלי-פשע
7 Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu, kan akka Iyyoob eenyu?
מי-גבר כאיוב ישתה-לעג כמים
8 Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala; jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata.
וארח לחברה עם-פעלי און וללכת עם-אנשי-רשע
9 Inni, ‘Waaqa gammachiisuu yaaluun, namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii.
כי-אמר לא יסכן-גבר-- ברצתו עם-אלהים
10 “Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa. Waan hamaa hojjechuun Waaqa irraa, dogoggoruunis Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu.
לכן אנשי לבב-- שמעו-לי חללה לאל מרשע ושדי מעול
11 Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna; waan karaa isaatiif malus itti fida.
כי פעל אדם ישלם-לו וכארח איש ימצאנו
12 Dhugumaan Waaqni hammina hin hojjetu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu.
אף-אמנם אל לא-ירשיע ושדי לא-יעות משפט
13 Eenyutu lafa irratti isa muude? Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne?
מי-פקד עליו ארצה ומי שם תבל כלה
14 Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee, hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee,
אם-ישים אליו לבו רוחו ונשמתו אליו יאסף
15 silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada; namnis biyyootti deebiʼa ture.
יגוע כל-בשר יחד ואדם על-עפר ישוב
16 “Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi; waan ani jedhus dhaggeeffadhu.
ואם-בינה שמעה-זאת האזינה לקול מלי
17 Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa? Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
האף שונא משפט יחבוש ואם-צדיק כביר תרשיע
18 Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
האמר למלך בליעל-- רשע אל-נדיבים
19 Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu; sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu; hundi isaanii hojii harka isaatii.
אשר לא-נשא פני שרים ולא נכר-שוע לפני-דל כי-מעשה ידיו כלם
20 Isaan halkan walakkaa tasa duʼu; namoonni hollatanii dhumu; jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu.
רגע ימתו-- וחצות לילה יגעשו עם ויעברו ויסירו אביר לא ביד
21 “Iji isaa karaa namootaa irra jira; inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.
כי-עיניו על-דרכי-איש וכל-צעדיו יראה
22 Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan, dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru.
אין-חשך ואין צלמות-- להסתר שם פעלי און
23 Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf, Waaqni nama kam iyyuu hin beellamu.
כי לא על-איש ישים עוד-- להלך אל-אל במשפט
24 Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa; warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa.
ירע כבירים לא-חקר ויעמד אחרים תחתם
25 Inni sababii hojii isaanii beekuuf, halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu.
לכן--יכיר מעבדיהם והפך לילה וידכאו
26 Sababii jalʼina isaaniitiifis inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba;
תחת-רשעים ספקם-- במקום ראים
27 kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii karaa isaa hunda dhiisaniif.
אשר על-כן סרו מאחריו וכל-דרכיו לא השכילו
28 Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf, akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru.
להביא עליו צעקת-דל וצעקת עניים ישמע
29 Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa? Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa? Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata;
והוא ישקט ומי ירשע-- ויסתר פנים ומי ישורנו ועל-גוי ועל-אדם יחד
30 kunis akka namni Waaqaaf hin bulle mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha.
ממלך אדם חנף-- ממקשי עם
31 “Namni tokko Waaqaan akkana jedha haa jennu; ‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu.
כי-אל-אל האמר נשאתי-- לא אחבל
32 Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi; ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’
בלעדי אחזה אתה הרני אם-עול פעלתי לא אסיף
33 Waaqni sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa? Situ murteessuu qaba malee ana miti; kanaafuu ati waan beektu natti himi.
המעמך ישלמנה כי-מאסת--כי-אתה תבחר ולא-אני ומה-ידעת דבר
34 “Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu; namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu;
אנשי לבב יאמרו לי וגבר חכם שמע לי
35 ‘Iyyoob beekumsa malee dubbata; dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’
איוב לא-בדעת ידבר ודבריו לא בהשכיל
36 Iyyoob sababii akka nama hamaatti deebii kenneef maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee!
אבי--יבחן איוב עד-נצח על-תשבת באנשי-און
37 Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala; tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa; Waaqa irrattis waan baayʼee dubbata.”
כי יסיף על-חטאתו פשע בינינו יספוק וירב אמריו לאל

< Iyyoob 34 >