< Iyyoob 33 >

1 “Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu; waan ani jedhu hundas dhagaʼi.
“Sin embargo, Job, escucha mi discurso, y escucha todas mis palabras.
2 Kunoo ani afaan koo nan banadha; dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira.
Mira ahora, he abierto mi boca. Mi lengua ha hablado en mi boca.
3 Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa; hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata.
Mis palabras expresarán la rectitud de mi corazón. Lo que mis labios saben que hablarán con sinceridad.
4 Hafuura Waaqaatu na uume; hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
El Espíritu de Dios me ha hecho, y el aliento del Todopoderoso me da la vida.
5 Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni; qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu.
Si puedes, respóndeme. Pon en orden tus palabras ante mí, y levántate.
6 Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti; anis biyyoo irraan hojjetame.
He aquí que yo soy para con Dios lo mismo que vosotros. Yo también estoy formado de la arcilla.
7 Ati na sodaattee hin raafamin; harki koos sitti hin ulfaatin.
He aquí que mi terror no te hará temer, ni mi presión será pesada para ti.
8 “Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta; anis dubbii kee dhagaʼeera.
“Ciertamente, has hablado a mi oído, He escuchado la voz de tus palabras, diciendo,
9 Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu; ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne.
‘Estoy limpio, sin desobediencia. Soy inocente y no hay iniquidad en mí.
10 Waaqni garuu balleessaa narratti argeera; akka diina isaattis na ilaaleera.
He aquí que encuentra ocasiones contra mí. Me cuenta como su enemigo.
11 Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha; karaa koo hundas ni eega.’
Pone mis pies en el cepo. Él marca todos mis caminos”.
12 “Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti; Waaqni nama caalaa guddaadhaatii.
“He aquí que yo te responderé. En esto no eres justo, porque Dios es más grande que el hombre.
13 Ati maaliif akka waan inni dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta?
¿Por qué os esforzáis contra él? porque no da cuenta de ninguno de sus asuntos?
14 Namni hubachuu baattu iyyuu, Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata.
Porque Dios habla una vez, sí dos veces, aunque el hombre no presta atención.
15 Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu, yeroo hirribni cimaan isaan qabutti, abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,
En un sueño, en una visión nocturna, cuando el sueño profundo cae sobre los hombres, en el sueño en la cama,
16 gurra isaaniitti ni dubbata; of eeggachiisaanis isaan rifachiisa;
entonces abre los oídos de los hombres, y sella su instrucción,
17 jalʼina irraa nama deebisuuf, of jajuu irraas isa dhowwuuf,
para que retire al hombre de su propósito, y ocultar el orgullo del hombre.
18 lubbuu isaa boolla irraa, jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf.
Aleja su alma de la fosa, y su vida de perecer por la espada.
19 “Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa;
“También es castigado con dolor en su cama, con una lucha continua en sus huesos,
20 kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba; lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti.
para que su vida aborrezca el pan, y su alma un alimento delicado.
21 Foon isaa nyaatamee dhuma; lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa.
Su carne está tan consumida que no se puede ver. Sus huesos que no se vieron sobresalen.
22 Lubbuun isaa gara boollaatti, jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata.
Sí, su alma se acerca a la fosa, y su vida a los destructores.
23 Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf, ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate,
“Si hay junto a él un ángel, un intérprete, uno entre mil, para mostrar al hombre lo que es correcto para él,
24 yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche; ani furii isaaf argeen jira’ jedhe,
entonces Dios se apiada de él y le dice, Líbralo de bajar a la fosa, He encontrado un rescate”.
25 dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama; akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa.
Su carne será más fresca que la de un niño. Vuelve a los días de su juventud.
26 Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata; fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas; Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
Reza a Dios, y éste le es favorable, para que vea su rostro con alegría. Él devuelve al hombre su justicia.
27 Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha; ‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera; garuu waan naa malu hin arganne.
Canta ante los hombres y dice, He pecado y he pervertido lo que era justo, y no me benefició.
28 Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera; anis jiraadhee ifa nan arga.’
Él ha redimido mi alma de ir a la fosa. Mi vida verá la luz”.
29 “Waaqni waan kana hunda yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha.
“He aquí que Dios hace todas estas cosas, dos veces, sí tres veces, con un hombre,
30 Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf, lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha.
para sacar su alma de la fosa, para que sea iluminado con la luz de los vivos.
31 “Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu; ati calʼisi; ani nan dubbadhaa.
Fíjate bien, Job, y escúchame. Guarda silencio, y yo hablaré.
32 Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni; dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii.
Si tienes algo que decir, respóndeme. Habla, pues deseo justificarte.
33 Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu; calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.”
Si no, escúchame. Guarda la paz, y yo te enseñaré la sabiduría”.

< Iyyoob 33 >