< Iyyoob 33 >
1 “Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu; waan ani jedhu hundas dhagaʼi.
“Amma yanzu, Ayuba, ka saurari abin da zan ce; ka sa hankali ga kowane abin da zan faɗa.
2 Kunoo ani afaan koo nan banadha; dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira.
Zan yi magana; kalmomina suna dab da fitowa daga bakina.
3 Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa; hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata.
Abin da zan faɗa gaskiya ne daga cikin zuciyata; bakina zai faɗi gaskiyar abin da na sani.
4 Hafuura Waaqaatu na uume; hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
Ruhun Allah ne ya yi ni; numfashin Maɗaukaki ya ba ni rai.
5 Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni; qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu.
Ka amsa mini in za ka iya; ka yi shirin fuskanta ta.
6 Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti; anis biyyoo irraan hojjetame.
Ni kamar ka nake a gaban Allah; ni ma daga ƙasa aka yi ni.
7 Ati na sodaattee hin raafamin; harki koos sitti hin ulfaatin.
Kada ka ji tsorona, ba abin da zai fi ƙarfinka.
8 “Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta; anis dubbii kee dhagaʼeera.
“Amma ka faɗa na ji, na ji daidai abin da ka faɗa,
9 Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu; ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne.
‘ni mai tsarki ne marar zunubi; ina da tsabta kuma ba ni da laifi.
10 Waaqni garuu balleessaa narratti argeera; akka diina isaattis na ilaaleera.
Duk da haka Allah ya same ni da laifi; ya ɗauke ni maƙiyinsa,
11 Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha; karaa koo hundas ni eega.’
ya daure ƙafafuna da sarƙa; yana tsaron duk inda na bi.’
12 “Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti; Waaqni nama caalaa guddaadhaatii.
“Amma na gaya maka, a nan ba ka yi daidai ba, gama Allah ya fi mutum girma.
13 Ati maaliif akka waan inni dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta?
Don me ka yi masa gunaguni cewa ba ya amsa tambayoyin mutum?
14 Namni hubachuu baattu iyyuu, Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata.
Gama Allah yana magana, yanzu ga wannan hanya, yanzu kuma ga wata hanya ko da yake ba lalle mutum yă lura ba.
15 Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu, yeroo hirribni cimaan isaan qabutti, abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,
A cikin mafarki, cikin wahayi da dare, sa’ad da barci mai zurfi ya fāɗo a kan mutane lokacin da suke cikin barci kan gadajensu,
16 gurra isaaniitti ni dubbata; of eeggachiisaanis isaan rifachiisa;
mai yiwuwa yă yi musu magana a cikin kunnuwansu yă razana su da gargaɗinsa,
17 jalʼina irraa nama deebisuuf, of jajuu irraas isa dhowwuuf,
don a juyar da su daga abin da yake yi da ba daidai ba a kuma hana su daga girman kai,
18 lubbuu isaa boolla irraa, jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf.
don a kāre su daga fāɗuwa cikin rami, a kāre su daga hallaka ta wurin takobi.
19 “Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa;
“Ko kuma mutum yă sha horo ta wurin kwanciya da ciwo da rashin jin daɗi cikin ƙasusuwansa,
20 kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba; lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti.
yadda zai ji ƙyamar abinci, har yă ƙi son abinci mafi daɗi.
21 Foon isaa nyaatamee dhuma; lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa.
Naman jikinsa ya lalace ba wani abu mai kyau a ciki kuma ƙasusuwansa da suke a rufe da tsoka yanzu duk sun fito.
22 Lubbuun isaa gara boollaatti, jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata.
Ransa yana matsawa kusa da rami, ransa kuma kusa da’yan aikan mutuwa.
23 Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf, ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate,
Duk da haka, in akwai mala’ika a gefensa kamar matsakanci, ɗaya daga cikin dubu, da zai gaya wa mutum abin da yake daidai gare shi,
24 yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche; ani furii isaaf argeen jira’ jedhe,
yă yi masa alheri yă ce, ‘Kada ka bari yă fāɗa cikin rami, na samu fansa dominsa.’
25 dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama; akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa.
Sa’an nan fatar jikinsa za tă zama sabuwa kamar ta jariri; za tă zama kamar lokacin da yake matashi.
26 Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata; fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas; Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
Ya yi addu’a ga Allah ya kuwa samu alheri a wurinsa, yana ganin fuskar Allah yana kuma yin sowa don murna; Allah ya mayar da shi ya zama mai adalci.
27 Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha; ‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera; garuu waan naa malu hin arganne.
Sa’an nan sai ya zo wurin, wurin mutane ya ce, ‘Na yi zunubi, na kauce wa abin da yake daidai, amma ban samu abin da ya kamata in samu ba.
28 Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera; anis jiraadhee ifa nan arga.’
Ya fanshi raina daga fāɗawa cikin rami, kuma zan rayu in ji daɗin hasken.’
29 “Waaqni waan kana hunda yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha.
“Allah ya yi wa mutum duk waɗannan, sau biyu, har ma sau uku.
30 Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf, lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha.
Ya juyo da ransa daga fāɗawa cikin rami, don hasken rai ya haskaka a kansa.
31 “Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu; ati calʼisi; ani nan dubbadhaa.
“Ka sa hankali da kyau, Ayuba, ka saurare ni; ka yi shiru zan yi magana.
32 Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni; dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii.
In kana da abin da za ka ce, ka amsa mini; yi magana, domin ina so in’yantar da kai.
33 Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu; calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.”
Amma in ba haka ba, sai ka saurare ni; yi shiru, zan kuma koya maka hikima.”