< Iyyoob 31 >
1 “Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
“Na yi alkawari da idanuna kada su dubi budurwa da muguwar sha’awa.
2 Carraan namni Waaqa samii biraa qabu, dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?
Gama mene ne rabon mutum daga Allah a sama, gādonsa daga Maɗaukaki a sama?
3 Hamootaaf badiisa, warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?
Ba masifa ba ne domin mugaye, hallaka kuma ga waɗanda suka yi ba daidai ba?
4 Inni karaa koo hin arguu? Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?
Bai ga hanyoyina ba ne bai ƙirga kowace takawata ba?
5 “Yoo ani karaa sobaa irra deemee yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,
“In da na yi tafiya cikin rashin gaskiya ko kuma ƙafata ta yi sauri zuwa yin ƙarya,
6 Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
Bari Allah yă auna a kan ma’auni na gaskiya zai kuma san cewa ni marar laifi ne.
7 yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree, garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,
In takawata ta kauce daga hanya, in zuciyata ta bi abin da idanuna ke so, ko kuma in hannuwana suna da laifi;
8 waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; midhaan koos haa buqqifamu.
bari waɗansu su ci abin da na shuka, kuma bari a tuge amfanin gonata.
9 “Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate, yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,
“In sha’awar mace ya shiga mini zuciya, ko kuma na laɓe a ƙofar maƙwabcina,
10 niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu; namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.
sai matata ta niƙa hatsin wani kuma waɗansu maza su kwana da ita.
11 Kun hammina; kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.
Gama wannan zai zama abin kunya, zunubin da za a yi shari’a a kai.
12 Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha; midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.
Wuta ce take ƙuna har ta hallakar; za tă cinye saiwar abin da na shuka ƙurmus.
13 “Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,
“In da na danne wa bayina maza da mata hakkinsu, sa’ad da suke da damuwa da ni,
14 yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?
me zan yi lokacin da Allah ya tuhume ni? Me zan ce lokacin da ya tambaye ni?
15 Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
Shi wanda ya yi ni a cikin uwata ba shi ne ya yi su ba? Ba shi ne ya yi mu a cikin uwayenmu ba?
16 “Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,
“In na hana wa matalauta abin da suke so, ko kuma in sa idanun gwauruwa su yi nauyi don kuka,
17 yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin kophaa koo nyaadhee jiraadhe,
in na ajiye burodina don kaina kaɗai, ban kuwa ba wa marayu abinci sa’ad da suke jin yunwa,
18 ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.
amma tun suna tasowa na lura da su, kamar yadda mahaifi zai lura da ɗa, kuma tun da aka haife ni ina lura da gwauruwa.
19 Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee
In da na ga wani yana mutuwa don rashin sutura, ko wani mai bukata da ba shi da riga,
20 sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, yoo garaan isaa na hin eebbisin,
kuma zuciyarsa ba tă gode mini ba don na yi masa sutura da gashin tumakina,
21 yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,
in na ɗaga hannuna don in cuci maraya, domin na san in na faɗa za a ji ni a wurin masu shari’a,
22 irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; irreen koo buusaa isaatti haa cabu.
bari hannuna yă guntule daga kafaɗata, bari yă tsinke daga inda aka haɗa shi.
23 Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.
Gama ina jin tsoron hallaka daga Allah, kuma domin tsoron ɗaukakarsa ba zan iya yin waɗannan abubuwa ba.
24 “Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan, ‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,
“In na dogara ga zinariya ko kuma na ce wa zallan zinariya, ‘Gare ki nake dogara,’
25 yoo ani qabeenya koo guddaatti, milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,
in na yi fahariya don yawan dukiyata, arzikin da hannuwana suka samu.
26 yoo ani aduu iftu argee yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,
In na dubi rana cikin haskenta, ko kuma wata yana tafiyarsa,
27 akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee afaan koo harka koo dhungatee jiraate,
zuciyata ta jarrabtu gare su a ɓoye, hannuna kuma ya sumbace su.
28 wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha; ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii.
Waɗannan ma za su zama zunubin da za a shari’anta ke nan don zai zama na yi wa Allah na sama rashin aminci.
29 “Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,
“In na yi murna domin mugun abu ya faru da maƙiyina; ko kuma domin wahala ta same shi,
30 ani jireenya isaa abaaruudhaan akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.
ban bar bakina yă yi zunubi ta wurin la’anta shi ba,
31 Yoo namoonni mana koo jiraatan, takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,
in mutanen gidana ba su taɓa cewa, ‘Wane ne bai ƙoshi da naman Ayuba ba?’
32 sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef, keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.
Ba baƙon da ya taɓa kwana a titi, gama koyaushe ƙofata tana buɗe domin matafiya,
33 Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,
in na ɓoye zunubina yadda mutane suke yi, ta wurin ɓoye laifina a cikin zuciyata,
34 ani waldaa guddaa sodaadhee yookaan tuffiin gosaa na naasisee, calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?
domin ina tsoron taron mutane kuma ina tsoron wulaƙancin da dangina za su yi mini, sai na yi shiru kuma ban fita waje ba.
35 “Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee! Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu; himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.
(“Kash, da ina da wanda zai ji ni! Na sa hannu ga abin da na faɗa don kāre kaina, bari Maɗaukaki yă amsa mini; bari mai tuhumata da laifi yă yi ƙarata a rubuce.
36 Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha; akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.
Ba shakka sai in ɗora a kafaɗata, zan aza a kaina kamar rawani.
37 Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima; akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.
Zan ba shi lissafin duk abin da na taɓa yi; zan zo gabansa kamar ɗan sarki.)
38 “Yoo lafti koo natti iyyitee boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,
“In ƙasata tana kuka da ni kunyoyinta duk sun cika da hawaye,
39 yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe, yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,
in na kwashe amfaninta ban biya ba ko kuma na kashe masu ita,
40 qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.” Dubbiin Iyyoob xumurame.
bari ƙaya ta fito a maimakon alkama ciyawa kuma a maimakon sha’ir.” Maganar Ayuba ta ƙare.