< Iyyoob 31 >

1 “Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
I made a covenant with mine eyes; How then could I gaze upon a maid?
2 Carraan namni Waaqa samii biraa qabu, dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?
For what is the portion appointed by God from above, And the inheritance allotted by the Almighty from on high?
3 Hamootaaf badiisa, warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?
Is not destruction for the wicked, And ruin for the workers of iniquity?
4 Inni karaa koo hin arguu? Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?
Doth He not see my ways, And number all my steps?
5 “Yoo ani karaa sobaa irra deemee yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,
If I have walked with falsehood, And if my foot hath hasted to deceit,
6 Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
Let him weigh me in an even balance; Yea, let God know my integrity!
7 yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree, garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,
If my steps have turned aside from the way, And my heart gone after mine eyes, Or if any stain hath cleaved to my hand,
8 waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; midhaan koos haa buqqifamu.
Then I may sow, and another eat; And what I plant, may it be rooted up!
9 “Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate, yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,
If my heart hath been enticed by a woman, Or if I have watched at my neighbor's door,
10 niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu; namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.
Then let my wife grind for another, And let other men lie with her!
11 Kun hammina; kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.
For this were a heinous crime, Even a transgression to be punished by the judges;
12 Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha; midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.
Yea, it were a fire that would consume to destruction, And root out all my increase.
13 “Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,
If I have refused justice to my man-servant or maid-servant, When they had a controversy with me,
14 yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?
Then what shall I do when God riseth up? And when he visiteth, what shall I answer him?
15 Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
Did not He that made me in the womb make him? Did not one fashion us in the womb?
16 “Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,
If I have refused the poor their desire, And caused the eyes of the widow to fail;
17 yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin kophaa koo nyaadhee jiraadhe,
If I have eaten my morsel alone, And the fatherless hath not partaken of it;
18 ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.
(Nay, from my youth he grew up with me as with a father, And I have helped the widow from my mother's womb; )
19 Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee
If I have seen any one perishing for want of clothing, Or any poor man without covering;
20 sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, yoo garaan isaa na hin eebbisin,
If his loins have not blessed me, And he hath not been warmed with the fleece of my sheep;
21 yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,
If I have shaken my hand against the fatherless, Because I saw my help in the gate, —
22 irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; irreen koo buusaa isaatti haa cabu.
Then may my shoulder fill from its blade, And my fore-arm be broken from its bone!
23 Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.
For destruction from God was a terror to me, And before his majesty I could do nothing.
24 “Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan, ‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,
If I have made gold my trust, Or said to the fine gold, Thou art my confidence;
25 yoo ani qabeenya koo guddaatti, milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,
If I have rejoiced, because my wealth was great, And my hand had found abundance;
26 yoo ani aduu iftu argee yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,
If I have beheld the sun in his splendor, Or the moon advancing in brightness,
27 akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee afaan koo harka koo dhungatee jiraate,
And my heart hath been secretly enticed, And my mouth hath kissed my hand,
28 wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha; ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii.
This also were a crime to be punished by the judge; For I should have denied the God who is above.
29 “Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,
If I have rejoiced at the destruction of him that hated me, And exulted when evil came upon him;
30 ani jireenya isaa abaaruudhaan akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.
(Nay, I have not suffered my mouth to sin, By asking with curses his life; )
31 Yoo namoonni mana koo jiraatan, takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,
If the men of my tent have not exclaimed, “Who is there that hath not been satisfied with his meat?”
32 sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef, keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.
The stranger did not lodge in the street; I opened my doors to the traveller.
33 Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,
Have I, after the manner of men, hidden my transgression, Concealing my iniquity in my bosom,
34 ani waldaa guddaa sodaadhee yookaan tuffiin gosaa na naasisee, calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?
Then let me be confounded before the great multitude! Let the contempt of families cover me with shame! Yea, let me keep silence! let me never appear abroad!
35 “Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee! Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu; himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.
O that there were one who would hear me! Behold my signature! let the Almighty answer me. And let mine adversary write down his charge!
36 Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha; akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.
Truly I would wear it upon my shoulder; I would bind it upon me as a crown.
37 Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima; akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.
I would disclose to him all my steps; I would approach him like a prince.
38 “Yoo lafti koo natti iyyitee boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,
If my land cry out against me, And its furrows bewail together;
39 yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe, yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,
If I have eaten of its fruits without payment, And wrung out the life of its owners,
40 qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.” Dubbiin Iyyoob xumurame.
Let thorns grow up instead of wheat, And noxious weeds instead of barley. The words of Job are ended.

< Iyyoob 31 >