< Iyyoob 30 >

1 “Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii, kanneen ani abbootii isaanii saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu.
ועתה שחקו עלי צעירים ממני לימים אשר מאסתי אבותם לשית עם כלבי צאני׃
2 Warra humna dhaban, jabinni irree isaanii maal na fayyada?
גם כח ידיהם למה לי עלימו אבד כלח׃
3 Isaan rakkinaa fi beelaan laafan; lafa gogaa keessa, gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran.
בחסר ובכפן גלמוד הערקים ציה אמש שואה ומשאה׃
4 Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan; nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture.
הקטפים מלוח עלי שיח ושרש רתמים לחמם׃
5 Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman; namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan.
מן גו יגרשו יריעו עלימו כגנב׃
6 Isaan akka laga gogaa keessa, kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman.
בערוץ נחלים לשכן חרי עפר וכפים׃
7 Bosona keessatti ni halaaku; daggala keessattis walitti tuutaʼu.
בין שיחים ינהקו תחת חרול יספחו׃
8 Isaan gowwoota maqaa hin qabne, kanneen biyyaa ariʼaman turan.
בני נבל גם בני בלי שם נכאו מן הארץ׃
9 “Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan; ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera.
ועתה נגינתם הייתי ואהי להם למלה׃
10 Isaan xireeffatanii narraa fagaatan; fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan.
תעבוני רחקו מני ומפני לא חשכו רק׃
11 Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef, isaan fuula koo duratti luugama baafatan.
כי יתרו פתח ויענני ורסן מפני שלחו׃
12 Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru; miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru; biyyoos akka dallaa natti naannessan.
על ימין פרחח יקומו רגלי שלחו ויסלו עלי ארחות אידם׃
13 Isaan karaa koo natti cufu; na galaafachuufis ni milkaaʼu; namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru.
נתסו נתיבתי להותי יעילו לא עזר למו׃
14 Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti, ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu.
כפרץ רחב יאתיו תחת שאה התגלגלו׃
15 Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera; badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada.
ההפך עלי בלהות תרדף כרוח נדבתי וכעב עברה ישעתי׃
16 “Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti; barri rakkinaas na qabateera.
ועתה עלי תשתפך נפשי יאחזוני ימי עני׃
17 Halkan keessa lafeen koo ni waraanama; dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu.
לילה עצמי נקר מעלי וערקי לא ישכבון׃
18 Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera; akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera.
ברב כח יתחפש לבושי כפי כתנתי יאזרני׃
19 Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa; anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera.
הרני לחמר ואתמשל כעפר ואפר׃
20 “Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu; ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta.
אשוע אליך ולא תענני עמדתי ותתבנן בי׃
21 Ati gara jabinaan natti garagalta; irree kee jabaadhaanis na dhoofta.
תהפך לאכזר לי בעצם ידך תשטמני׃
22 Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta; bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata.
תשאני אל רוח תרכיבני ותמגגני תשוה׃
23 Ani akka ati gara duʼaatti, gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti na geessitu nan beeka.
כי ידעתי מות תשיבני ובית מועד לכל חי׃
24 “Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti, namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru.
אך לא בעי ישלח יד אם בפידו להן שוע׃
25 Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee?
אם לא בכיתי לקשה יום עגמה נפשי לאביון׃
26 Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe; utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe.
כי טוב קויתי ויבא רע ואיחלה לאור ויבא אפל׃
27 Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne; barri gidiraas natti dhufeera.
מעי רתחו ולא דמו קדמני ימי עני׃
28 Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa; waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya.
קדר הלכתי בלא חמה קמתי בקהל אשוע׃
29 Ani obboleessa waangoo, michuu urunguus taʼeera.
אח הייתי לתנים ורע לבנות יענה׃
30 Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera; dhagni koos hoʼaan bobaʼeera.
עורי שחר מעלי ועצמי חרה מני חרב׃
31 Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo sagalee iyyaatiif qopheeffameera.
ויהי לאבל כנרי ועגבי לקול בכים׃

< Iyyoob 30 >