< Iyyoob 30 >
1 “Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii, kanneen ani abbootii isaanii saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu.
“Amma yanzu suna yi mini ba’a waɗanda na girme su, waɗanda iyayensu maza ba su isa su zama karnukan kiwon garken tumakina ba.
2 Warra humna dhaban, jabinni irree isaanii maal na fayyada?
Ina amfani ƙarfin hannuwansu gare ni, tun da ba su da sauran kuzari?
3 Isaan rakkinaa fi beelaan laafan; lafa gogaa keessa, gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran.
Duk sun rame don rashi da yunwa, suna yawo a gaigayar ƙasa a kufai da dare.
4 Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan; nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture.
A cikin jeji suna tsinkar ganyaye marasa daɗi, jijiyoyin itacen kwakwa ne abincinsu.
5 Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman; namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan.
An kore su daga cikin mutanensu, aka yi musu ihu kamar ɓarayi.
6 Isaan akka laga gogaa keessa, kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman.
An sa dole su zauna a kwazazzabai da kuma cikin kogunan duwatsu da kuma cikin ramummuka cikin ƙasa.
7 Bosona keessatti ni halaaku; daggala keessattis walitti tuutaʼu.
Suka yi ta kuka kamar dabbobi a jeji, suka taru a ƙarƙashin sarƙaƙƙiya.
8 Isaan gowwoota maqaa hin qabne, kanneen biyyaa ariʼaman turan.
Mutane marasa hankali marasa suna, an kore su daga ƙasar.
9 “Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan; ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera.
“Yanzu kuma’ya’yansu maza su suke yi mini ba’a cikin waƙa na zama abin banza a gare su.
10 Isaan xireeffatanii narraa fagaatan; fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan.
Suna ƙyamata suna guduna; suna tofa mini miyau a fuska.
11 Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef, isaan fuula koo duratti luugama baafatan.
Yanzu da Allah ya kunce bakana ya ba ni wahala sun raba ni da mutuncina.
12 Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru; miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru; biyyoos akka dallaa natti naannessan.
A hannun damana’yan tā-da-na-zaune-tsaye sun tayar; sun sa tarko a ƙafafuna, sun yi shirin hallaka ni.
13 Isaan karaa koo natti cufu; na galaafachuufis ni milkaaʼu; namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru.
Sun ɓata mini hanyata; sun yi nasara cikin hallaka ni, ba tare da wani ya taimake su ba.
14 Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti, ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu.
Suka nufo ni daga kowane gefe; suka auko mini da dukan ƙarfinsu.
15 Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera; badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada.
Tsoro ya rufe ni; an kawar mini mutuncina kamar da iska, dukiyata ta watse kamar girgije.
16 “Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti; barri rakkinaas na qabateera.
“Yanzu raina yana ƙarewa; kwanakin wahala sun kama ni.
17 Halkan keessa lafeen koo ni waraanama; dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu.
Dare ya huda ƙasusuwana; ina ta shan azaba ba hutawa.
18 Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera; akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera.
A cikin girman ikonsa Allah ya zama kamar riga a jikina; ya shaƙe ni kamar wuyan rigata.
19 Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa; anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera.
Ya jefa ni cikin laka, na zama ba kome ba sai ƙura da toka.
20 “Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu; ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta.
“Na yi kuka gare ka ya Allah, amma ba ka amsa mini ba. Na tashi tsaye, amma sai ka dube ni kawai.
21 Ati gara jabinaan natti garagalta; irree kee jabaadhaanis na dhoofta.
Ka dube ni ba tausayi; Ka kai mini hari da ƙarfin hannunka.
22 Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta; bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata.
Ka ɗaga ni sama ka ɗora ni a kan iska; ka jujjuya ni cikin hadari.
23 Ani akka ati gara duʼaatti, gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti na geessitu nan beeka.
Na san za ka sauko da ni ga mutuwa zuwa wurin da kowane mai rai zai je.
24 “Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti, namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru.
“Ba shakka ba mai ɗora hannu a kan mutumin da yake cikin wahala. Lokacin da ya yi kukan neman taimako a cikin wahalarsa.
25 Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee?
Ashe ban yi kuka domin waɗanda suke cikin damuwa ba? Ko zuciyata ba tă yi baƙin ciki domin matalauta ba?
26 Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe; utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe.
Duk da haka sa’ad da nake begen abu mai kyau, mugun abu ne ya zo; Sa’ad da nake neman haske, sai duhu ya zo.
27 Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne; barri gidiraas natti dhufeera.
Zuciyata ba tă daina ƙuna ba; ina fuskantar kwanakin wahala.
28 Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa; waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya.
Na yi baƙi ƙirin, amma ba rana ce ta ƙona ni ba. Na tsaya a cikin mutane, na kuma yi kuka don taimako.
29 Ani obboleessa waangoo, michuu urunguus taʼeera.
Na zama ɗan’uwan diloli, na zama abokan mujiyoyi.
30 Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera; dhagni koos hoʼaan bobaʼeera.
Fatar jikina ta yi baƙi tana ɓarewa; jikina yana ƙuna da zazzaɓi.
31 Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo sagalee iyyaatiif qopheeffameera.
Garayata ta zama ta makoki, sarewata kuma ta zama ta kuka.