< Iyyoob 3 >

1 Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare.
At length Job opened his mouth, and cursed the day of his birth.
2 Innis akkana jedhe:
And Job spake and said:
3 “Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu; halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.
Perish the day in which I was born, and the night which said, “A man-child is conceived!”
4 Guyyaan sun haa dukkanaaʼu; Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin; ifnis itti hin ifin.
Let that day be darkness; Let not God seek it from above; Yea, let not the light shine upon it!
5 Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan; duumessi isa irra haa buʼu; ifa isaa dukkanni haa liqimsu.
Let darkness and the shadow of death redeem it; Let a cloud dwell upon it; Let whatever darkeneth the day terrify it!
6 Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu; guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.
As for that night, let darkness seize upon it; Let it not rejoice among the days of the year; Let it not come into the number of the months!
7 Halkan sun haa maseenu; ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.
O let that night be unfruitful! Let there be in it no voice of joy;
8 Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan, kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.
Let them that curse the day curse it, Who are skilful to stir up the leviathan!
9 Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu; ifa eeggatee haa dhabu; boruu baqaqus hin argin.
Let the stars of its twilight be darkened; Let it long for light, and have none; Neither let it see the eyelashes of the morning!
10 Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf, balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.
Because it shut not up the doors of my mother's womb, And hid not trouble from mine eyes.
11 “Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin? Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?
Why died I not at my birth? Why did I not expire when I came forth from the womb?
12 Jilbawwan na simatan, harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?
Why did the knees receive me, And why the breasts, that I might suck?
13 Ani silaa yoona nagaan nan ciisa; rafees nan boqodhan tureetii;
For now should I lie down and be quiet; I should sleep; then should I be at rest,
14 moototaa fi gorsitoota addunyaa warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,
With kings and counsellors of the earth, Who built up for themselves—ruins!
15 bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.
Or with princes that had gold, And filled their houses with silver;
16 Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee, akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin?
Or, as a hidden untimely birth, I had perished; As infants which never saw the light.
17 Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu; dadhaboonnis achitti ni boqotu.
There the wicked cease from troubling; There the weary are at rest.
18 Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu; waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.
There the prisoners rest together; They hear not the voice of the oppressor.
19 Xinnaa fi guddaan achi jira; garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.
The small and the great are there, And the servant is free from his master.
20 “Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?
Why giveth He light to him that is in misery, And life to the bitter in soul,
21 Warra duʼa hawwanii dhabaniif warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif
Who long for death, and it cometh not, And dig for it more than for hid treasures;
22 warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?
Who rejoice exceedingly, Yea, exult, when they can find a grave?
23 Nama karaan isaa duraa dhokateef nama Waaqni dallaa itti marse jireenyi maaliif kennama?
Why is light given to a man from whom the way is hid, And whom God hath hedged in?
24 Gaddi buddeena naa taʼeera; aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.
For my sighing cometh before I eat, And my groans are poured out like water.
25 Wanni ani sodaadhe natti dhufeera; wanni na naasisus narra gaʼeera.
For that which I dread overtaketh me; That at which I shudder cometh upon me.
26 Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu; jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.”
I have no peace, nor quiet, nor respite: Misery cometh upon me continually.

< Iyyoob 3 >