< Iyyoob 25 >

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
Kisha Bilidadi Mshuhi akajibu na kusema,
2 “Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti; inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.
“Utawala na hofu vipo naye; anaagiza mahali pa juu pake mbinguni.
3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu? Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?
Je kuna idadi ya majeshi yake? Ni wapi pasipo na nuru yake?
4 Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree? Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?
Jinsi gani basi mtu awe mwenye haki kama Mungu? Jinsi gani aliyezaliwa na mwanamke awe safi, amekubaliwa naye?
5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne, yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
Tazama, hata mwezi kwake haungazii; nyota hazikosafi mbele zake.
6 namni raammoo foonii taʼe, ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”
Ni vipi mtu, aliyemdudu - mwana wa mtu, aliye mdudu!”

< Iyyoob 25 >