< Iyyoob 25 >
1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
And Bildad the Shuhite answered and said,
2 “Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti; inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.
Dominion and fear are with him; he maketh peace in his high places.
3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu? Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?
Is there any number of his troops? and upon whom doth not his light arise?
4 Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree? Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?
And how should man be just with God? Or how should he be clean that is born of a woman?
5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne, yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
Lo, even the moon is not bright; and the stars are not pure in his sight:
6 namni raammoo foonii taʼe, ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”
How much less man, a worm, and the son of man, a worm!