< Iyyoob 24 >

1 “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine?
全能者為何不劃定一個期限呢﹖忠於他的人為何看不到他的日子﹖
2 Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu.
惡人挪移地界,搶去羊群自去牧放;
3 Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu.
趕走孤兒的驢,拿去寡婦的牛作抵押;
4 Rakkataa karaa irraa balleessu; hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu.
迫使窮人離開正路,使境內的貧民隱藏不露。
5 Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa nyaata barbaacha asii fi achi jooru; gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna.
看啊! 他們像曠野的野驢,出來尋覓食物;他們縱使到晚操作,卻找不到養子女的食物。
6 Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu.
夜間遂到田間去收割,到惡人的葡萄園中去摘取。
7 Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban.
赤身過宿,無衣蔽體;嚴寒之時,沒有舖蓋。
8 Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu.
在山中為暴雨淋透,因無處避身,而臥於磐石下。
9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera.
另有些人將孤兒從母懷中搶去,剝去窮人的衣服作抵押,
10 Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; bissii baatu; garuu ni beelaʼu.
致使他們無衣赤身行走,枵腹擔荷麥捆;
11 Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu.
在石槽中搾油、踐踏,反受口渴之苦。
12 Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu.
臨死者的呻吟,聲聞城外;負傷者呼求救援,天主卻不理會他們的哀求。
13 “Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru.
另有些人反抗光明,不認識光明的道路,更不走光明的途徑。
14 Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; halkan immoo akkuma hattuu taʼa.
兇手黎明即起,去殺害困苦和貧窮的人,夜間去作盜賊。
15 Iji ejjaan dimimmisa eeggata; innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha; fuula isaas ni dhokfata.
姦夫的眼盼望黃昏,他心裏說:「沒有眼可看見我! 」就將自己的臉遮蔽起來。
16 Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu; guyyaa garuu ofitti cufanii oolu; isaan ifa hin beekan.
竊賊夜間挖穿屋牆,白日將自己關起,不願看見光明,
17 Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti; isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu.
因為早晨對這班人有如死影,他們已熟悉了黑暗的恐怖。
18 “Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti; akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef, qoodni lafa isaanii abaarameera.
他們輕如水萍,隨波逐流,地上的家業已被詛咒,榨酒者不再走入他們的葡萄園。
19 Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu, awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata. (Sheol h7585)
亢旱酷暑怎樣溶盡雪水,陰府也怎樣將罪犯吸去。 (Sheol h7585)
20 Gadameessi isaan irraanfata; raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti; namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu; siʼachis hin yaadataman.
懷孕他的要忘掉他,蛆蟲要腐蝕他,人不再記念他,邪惡如樹一般被人砍倒。
21 Isaan dubartii dhabduu ni saamu; haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan.
他欺壓了不生育的石女,沒有善待寡婦。
22 Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa; isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban.
然而天主將以威力擄獲強者,他必興起,使他們不能保存生命。
23 Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa; iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata.
雖暫時讓他們平安休息,但他的眼正監視著他們的行徑。
24 Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu; gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu; akkuma mataa midhaaniis ni muramu.
他們居於高位,不久即不見了;他們必喪亡,有如鹹草;必被剪去,猶如麥穗。
25 “Yoo kun akkas taʼuu baate eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?”
是否如此﹖誰能證明我說謊,誰能以我的話為荒誕﹖

< Iyyoob 24 >