< Iyyoob 23 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Kisha Ayubu akajibu na kusema,
2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.
“Hata leo malalamiko yangu ni machungu; maumivu yangu ni mazito kuliko manung'uniko yangu.
3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!
Ee, ningejua niwezapokumwona! Ee, kwamba ningeweza kwenda alipo!
4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee afaan koo falmiin guuttadha ture.
Ningeweka shitaka langu mbele yake na kukijaza kinywa changu hoja.
5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture; waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.
Ningejua ambavyo angenijibu na kufahamu ambavyo angesema juu yangu.
6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? Lakki, na dhaggeeffata malee.
Je angehojiana nami katika ukuu wa nguvu zake? Hapana, angenisikiliza.
7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.
Pale mwenye haki angehojiana nami. Kwa njia hii ningeonekana bila hatia kwa mwamzi wangu.
8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.
Tazama, naelekea mashariki, lakini hayupo pale, na upande wa magharibi, lakini siwezi kumwona.
9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.
Kaskazini, anapofanya kazi, lakini siwezi kumwona, na kusini, anapojificha hata nisimwone.
10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.
Lakini anaijua njia ninayoichukua; atakapokuwa amenipima, nitatoka kama dhahabu.
11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
Mguu wangu umeunganishwa na hatua zake; nimezitunza njia zake na sijageuka.
12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
Sijaiacha amri ya midomo yake; nimeyatii maneno ya kinywa chake.
13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? Inni waanuma jaallatu hojjeta.
Lakini yeye ni wa pekee, naniawezaye kumgeuza? Analolitaka, hulitenda.
14 Inni waan natti mure ni raawwata; amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.
Kwa maana hulitimiza agizo lake kinyume changu; anamipango mingi kwa ajili yangu; ipo mingi kama hiyo.
15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.
Kwa hiyo, nimetishwa mbele zake; ninapofikiri kumhusu, ninamwogopa.
16 Waaqni garaa koo ni raase; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.
Kwani Mungu ameudhoofisha moyo wangu; Mwenyezi amenitisha.
17 Haa taʼu malee dukkanni, dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.
Si kwa sababu nimeondolewa na giza, wala siyo kwamba giza nene limeufunika uso wangu.

< Iyyoob 23 >