< Iyyoob 23 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Job replied,
2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.
“Just the same, my complaints today remain bitter. In spite of my groaning he is still punishing me.
3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!
If only I knew where I could find him so I could go to where he sits in judgment.
4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee afaan koo falmiin guuttadha ture.
There I would lay out my case before him and present all my arguments in full.
5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture; waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.
I would discover how he would answer me and learn what he has to say to me.
6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? Lakki, na dhaggeeffata malee.
Would he fight against me using his mighty power? No, he would pay attention to what I have to say.
7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.
There a good person could reason with him, and I would be acquitted forever by my judge.
8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.
If I go to the east, he's not there; if I go the west, I don't find him.
9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.
If he's working in the north, I don't perceive him; if he's moving south, I don't see him.
10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.
Yet he always knows where I'm going. When he has proved me, I will come out shining like gold.
11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
I have kept in step with him; I have followed his way without turning aside.
12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
I have not neglected his commands, for I value what he has told me to do more than the food I eat every day.
13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? Inni waanuma jaallatu hojjeta.
But God is unchangeable—who can turn him from his purposes? He does whatever he wants to do.
14 Inni waan natti mure ni raawwata; amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.
So he will finish whatever he has planned for me—and he has many plans for me.
15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.
That's why I'm terrified at meeting him; when I think of him I tremble with fear.
16 Waaqni garaa koo ni raase; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.
God has made me faint-hearted; the Almighty has scared me to death.
17 Haa taʼu malee dukkanni, dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.
Yet I'm still here despite the dark—even though I can't see through the utter darkness.

< Iyyoob 23 >