< Iyyoob 22 >
1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
Temanlı Elifaz şöyle yanıtladı:
2 “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
“İnsan Tanrı'ya yararlı olabilir mi? Bilge kişinin bile O'na yararı dokunabilir mi?
3 Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna? Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
Doğruluğun Her Şeye Gücü Yeten'e ne zevk verebilir, Kusursuz yaşamın O'na ne kazanç sağlayabilir?
4 “Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf waan ati isa sodaattuufii?
Seni azarlaması, dava etmesi O'ndan korktuğun için mi?
5 Hamminni kee guddaa dha mitii? Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
Kötülüğün büyük, Günahların sonsuz değil mi?
6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta; namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
Çünkü kardeşlerinden nedensiz rehin alıyor, Onları soyuyordun.
7 Warra dadhaban bishaan hin obaafne; kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
Yorguna su içirmedin, Açtan ekmeği esirgedin;
8 namni humna qabu biyya qabaata; kan ulfina qabus keessa jiraata.
Ülkeye bileğinle sahip oldun, Saygın biri olarak orada yaşadın.
9 Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
Dul kadınları eli boş çevirdin, Öksüzlerin kolunu kanadını kırdın.
10 Kanaafuu kiyyoon si marseera; sodaan tasaas si qabateera.
Bu yüzden her yanın tuzaklarla çevrili, Ansızın gelen korkuyla yılıyorsun,
11 Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera; lolaan bishaaniis sirra garagala.
Her şey kararıyor, göremez oluyorsun, Seller altına alıyor seni.
12 “Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii? Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
“Tanrı göklerin yükseklerinde değil mi? Yıldızlara bak, ne kadar yüksekteler!
13 Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka? Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
Sen ise, ‘Tanrı ne bilir?’ diyorsun, ‘Zifiri karanlığın içinden yargılayabilir mi?
14 Yommuu inni bantii samii irra deemu, akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
Koyu bulutlar O'na engeldir, göremez, Gökkubbenin üzerinde dolaşır.’
15 Ati daandii durii kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
Kötülerin yürüdüğü Eski yolu mu tutacaksın?
16 Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman; hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
Onlar ki, vakitleri gelmeden çekilip alındılar, Temellerini sel bastı.
17 Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
Tanrı'ya, ‘Bizden uzak dur!’ dediler, ‘Her Şeye Gücü Yeten bize ne yapabilir?’
18 Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
Ama onların evlerini iyilikle dolduran O'ydu. Bunun için kötülerin öğüdü benden uzak olsun.
19 Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu; warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
“Doğrular onların yıkımını görüp sevinir, Suçsuzlar şöyle diyerek eğlenir:
20 ‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru; qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
‘Düşmanlarımız yok edildi, Malları yanıp kül oldu.’
21 “Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu; haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
“Tanrı'yla dost ol, barış ki, Bolluğa eresin.
22 Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu; dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
Ağzından çıkan öğretiyi benimse, Sözlerini yüreğinde tut.
23 Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta; yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
Her Şeye Gücü Yeten'e dönersen, eski haline kavuşursun. Kötülüğü çadırından uzak tutar,
24 warqee kee biyyoo keessa buufte, yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
Altınını yere, Ofir altınını vadideki çakılların arasına atarsan,
25 yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, meetii filatamaas siif taʼa.
Her Şeye Gücü Yeten senin altının, Değerli gümüşün olur.
26 Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda; fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta.
O zaman Her Şeye Gücü Yeten'den zevk alır, Yüzünü Tanrı'ya kaldırırsın.
27 Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa; ati immoo wareega kee ni baafatta.
O'na dua edersin, dinler seni, Adaklarını yerine getirirsin.
28 Wanni ati murteessite ni taʼa; ifnis karaa kee irratti ni ifa.
Neye karar verirsen yapılır, Yollarını ışık aydınlatır.
29 Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta; innis warra gad qabaman ni baraara.
İnsanlar seni alçaltınca, güvenini yitirme, Çünkü Tanrı alçakgönüllüleri kurtarır.
30 Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha; ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.”
O suçsuz olmayanı bile kurtarır, Senin ellerinin temizliği sayesinde kurtulur suçlu.”