< Iyyoob 22 >

1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
Pamenepo Elifazi wa ku Temani anayankha kuti,
2 “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
“Kodi munthu nʼkukhala waphindu kwa Mulungu? Kodi munthu wanzeru angamupindulire Iye?
3 Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna? Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
Kodi Wamphamvuzonse akanapeza chabwino chotani iweyo ukanakhala wolungama? Kodi iyeyo akanapeza phindu lanji makhalidwe ako akanakhala angwiro?
4 “Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf waan ati isa sodaattuufii?
“Kodi nʼchifukwa choti umamuopa, kuti azikudzudzula, kuti azifuna kukukokera ku mlandu?
5 Hamminni kee guddaa dha mitii? Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
Kodi osati nʼchifukwa chakuti kuyipa kwako nʼkwakukulu? Kodi machimo ako si opanda malire?
6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta; namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
Iwe unkawumiriza abale ako kuti akupatse chikole popanda chifukwa; umalanda anthu zovala zawo ndi kuwasiya amaliseche.
7 Warra dadhaban bishaan hin obaafne; kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
Sunawapatse madzi anthu otopa, ndipo unawamana chakudya anthu anjala,
8 namni humna qabu biyya qabaata; kan ulfina qabus keessa jiraata.
ngakhale unali munthu wamphamvu, wokhala ndi malo akeake, munthu waulemu wake, wokhala mʼdzikomo.
9 Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
Ndipo akazi amasiye unawachotsa wopanda kanthu, ndipo unapondereza ana amasiye.
10 Kanaafuu kiyyoon si marseera; sodaan tasaas si qabateera.
Nʼchifukwa chake misampha yakuzungulira, nʼchifukwa chake tsoka ladzidzidzi lakuchititsa mantha,
11 Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera; lolaan bishaaniis sirra garagala.
nʼchifukwa chake kuli mdima kuti sungathe kuona kanthu, nʼchifukwa chakenso madzi achigumula akumiza.
12 “Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii? Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
“Kodi Mulungu sali kutalitali kumwamba? Ndipo ona nyenyezi zili mmwamba kwambirizo, ona kutalika kwake pamene zililipo!
13 Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka? Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
Komabe iweyo ukunena kuti, ‘Kodi Mulungu amadziwa chiyani? Kodi Iye amaweruza mu mdima woterewu?
14 Yommuu inni bantii samii irra deemu, akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
Mitambo yakuda yamuphimba, kotero kuti Iye sakutiona pamene akuyendayenda pamwamba pa thambopo.’
15 Ati daandii durii kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
Kodi iwe udzayendabe mʼnjira yakale imene anthu oyipa ankayendamo?
16 Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman; hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
Iwo anachotsedwa nthawi yawo isanakwane, maziko awo anakokoloka ndi madzi achigumula.
17 Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
Anthuwo anati kwa Mulungu, ‘Tichokereni! Kodi Wamphamvuzonse angatichitire chiyani?’
18 Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
Chonsecho ndi Iye amene anadzaza nyumba zawo ndi zinthu zabwino, choncho ine sindigwirizana ndi uphungu wa anthu oyipa.
19 Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu; warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
“Anthu olungama amaona kuwonongeka kwawo ndipo amakondwera; anthu osalakwa amangoseka, akamuona woyipa akulangidwa.
20 ‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru; qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
Amanena kuti, ‘Ndithudi adani athu awonongeka ndipo moto wawononga chuma chawo!’
21 “Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu; haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
“Gonjera Mulungu kuti ukhale naye pamtendere; ukatero udzaona zabwino.
22 Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu; dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
Landira malangizo a pakamwa pake ndipo usunge mawu ake mu mtima mwako.
23 Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta; yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
Ukabwerera kwa Wamphamvuzonse udzabwezeretsedwa; ukachotsa zoyipa zonse zimene zimachitika mʼnyumba mwako,
24 warqee kee biyyoo keessa buufte, yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
ndipo chuma chamtengowapatali nuchiona ngati fumbi, golide wa ku Ofiri numutaya ku miyala ya ku zigwa.
25 yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, meetii filatamaas siif taʼa.
Pamenepo Wamphamvuzonseyo adzakhala golide wako, siliva wako wamtengowapatali.
26 Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda; fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta.
Pamenepo udzakondwera naye Wamphamvuzonse ndipo udzakweza nkhope yako kwa Mulungu.
27 Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa; ati immoo wareega kee ni baafatta.
Udzamupempha ndipo adzakumvera, ndipo udzapereka zimene unalonjeza.
28 Wanni ati murteessite ni taʼa; ifnis karaa kee irratti ni ifa.
Chimene watsimikiza kuti uchite, chidzachitikadi, kuwala kudzakuwunikira pa njira yako.
29 Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta; innis warra gad qabaman ni baraara.
Pamene anthu agwetsedwa pansi, iwe nʼkunena kuti, ‘Akwezeni!’ Pamenepo Iye adzapulumutsa anthu oponderezedwa.
30 Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha; ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.”
Iye adzapulumutsa ngakhale munthu amene ndi wolakwa, ameneyo adzapulumutsidwa kudzera mʼkulungama kwako.”

< Iyyoob 22 >