< Iyyoob 21 >
1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Kisha Ayubu akajibu na kusema,
2 “Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
“Sikilizeni hotuba yangu kwa makini, hii na iwe faraja yenu.
3 Yeroo ani dubbadhu naa obsaa; erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
Nimeteswa, lakini pia nitasema; nikisha kusema, endeleeni kudhihaki.
4 “Dhugumaan kan ani komadhu namaa? Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
Lakini kwangu mimi, malalamikio yangu ni kwa mtu? Kwa nini nisiwe mwenye subira?
5 Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis afaan keessan irra kaaʼadhaa.
Nitazameni na mshangae, nanyi wekeni mkono wenu midomoni mwenu.
6 Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha; hollannaanis na qabata.
Ninapoyafikiria mateso yangu, ninaumizwa, mwili wangu unaogopa.
7 Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu? Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
Kwa nini waovu wanaendelea kuishi, wanazeeka, na kuwa na uwezo katika madaraka?
8 Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti, sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
Wazao wao wanathibitishwa mbele zao, na uzao wao unaimarika machoni pao.
9 Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu; uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
Nyumba zao ziko salama mbali na hofu; wala fimbo ya Mungu haiko juu yao.
10 Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu; saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
Dume lao la ng'ombe linazalisha; halishindwi kufanya hivyo; ng'ombe wao anazaa na hafishi ndama wake akiwa mchanga.
11 Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu; daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
Wanawapeleka wadogo wao kama kundi la kondoo, na watoto wao hucheza.
12 Dibbee fi kiraaraan sirbu; sagalee ululleetiinis ni gammadu.
Wanaimba kwa tari na vinubi na hufurahi kwa muziki na zomari.
13 Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; nagaadhaanis ni awwaalamu. (Sheol )
Wanatumia siku zao katika mafanikio, na wanashuka kuzimu kwa utulivu. (Sheol )
14 Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
Wanamwambia Mungu, 'Ondoka kwetu kwani hatutaki ufahamu wowote juu ya njia zako.
15 Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? Nu isa kadhannee maal arganna?’
Mwenye enzi ni nani, hata tumwabudu? Tutafaidika na nini tukimwabudu? Tutapata faida gani ikiwa tutamwomba?
16 Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
Tazama, je mafanikio yao hayamo katika mikono yao wenyewe? Sina cha kufanya na ushauri wa waovu.
17 “Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa? Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa? Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
Mara ngapi taa za waovu huzimwa, au kwamba majanga huja juu yao? Mara ngapi inatokea kwamba Mungu husambaza huzuni kwao kwa hasira?
18 Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti; akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
Ni mara ngapi inatokea kwamba wanakuwa kama mabua mbele ya upepo au kama makapi yanayopeperushwa na dhoruba?
19 Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu. Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif gatii isaa haa kennu!
Mnasema, 'Mungu huweka hatia ya mtu kwa watoto wake kuilipa.' Na alipe yeye mwenyewe, ili kwamba aweze kujua hatia yake mwenyewe.
20 Iji isaa badiisa isaa haa argu; inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
Acha macho yake yaone uangamivu wake mwenyewe, na acha anywe gadhabu ya Mwenyezi.
21 Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti, waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa dhimma maalii qabaata?
Kwani anaangaliaje familia yake mbele yake idadi ya miezi yake inapokwisha.
22 “Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa? Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
Je kuna mtu anaweza kumfundisha Mungu maarifa kwa kuwa yeye huwaukumu hata walio juu?
23 Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu, utuma humna guutuu qabuu,
Mtu mmoja ufa katika nguvu zake kamili, akiwa na utulivu kabisa na kwa amani.
24 utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
Mwili wake hauna uhitaji, na kiini cha mifupa yake ina unyevu na afya njema.
25 Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin, jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
Mtu mwingine ufa kwa uchungu wa nafsi, bila kujifurahisha kwa jambo lolote jema.
26 Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu; lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
Wanazikwa kaburini wote kwa pamoja, funza wanawafunika wote.
27 “Ani yaada keessanii fi mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
Tazama, nayajua mawazo yenu, na jinsi mnavyotaka kunikosesha.
28 Isin, ‘Manni namicha guddaa, dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
Kwa kuwa mwasema, 'Iko wapi sasa nyumba ya mwana wa mfalme? Liko wapi kao alipokaa mwovu?'
29 Isin namoota karaa deeman hin gaafannee? Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
Je hamjawauliza wasafiri? Hamfahamu wanavyoweza kusema,
30 Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu, akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
kwamba mwovu anaepushwa na siku ya shida, na kwamba anawekwa mbali na siku ya gadhabu?
31 Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu? Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
Ni nani atakaye ituhumu siku ya mwovu mbele yake? Ni nani atakayemwadhibu kwa alichokifanya?
32 Inni gara awwaalaatti geeffama; awwaalli isaas ni eegama.
Hata hivyo atapelekwa kaburini; watu wataliona kaburi lake.
33 Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa; namoonni hundi isa duukaa buʼu; namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
Udongo wa bondeni utakuwa mtamu kwake; watu wote watamfuata, hata kuwe na watu wengi mbele yake.
34 “Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen na jajjabeessuu dandeessu ree? Deebiin keessanis soba qofa!”
Ni jinsi gani basi mtanifariji bila kufikiri, kwa kuwa majibu yenu hayana lolote ila uongo?”