< Iyyoob 21 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
And Job answereth and saith: —
2 “Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
Hear ye diligently my word, And this is your consolation.
3 Yeroo ani dubbadhu naa obsaa; erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
Bear with me, and I speak, And after my speaking — ye may deride.
4 “Dhugumaan kan ani komadhu namaa? Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
I — to man [is] my complaint? and if [so], wherefore May not my temper become short?
5 Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis afaan keessan irra kaaʼadhaa.
Turn unto me, and be astonished, And put hand to mouth.
6 Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha; hollannaanis na qabata.
Yea, if I have remembered, then I have been troubled. And my flesh hath taken fright.
7 Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu? Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
Wherefore do the wicked live? They have become old, Yea, they have been mighty in wealth.
8 Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti, sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
Their seed is established, Before their face with them, And their offspring before their eyes.
9 Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu; uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
Their houses [are] peace without fear, Nor [is] a rod of God upon them.
10 Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu; saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
His bullock hath eaten corn, and doth not loath. His cow bringeth forth safely, And doth not miscarry.
11 Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu; daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
They send forth as a flock their sucklings, And their children skip,
12 Dibbee fi kiraaraan sirbu; sagalee ululleetiinis ni gammadu.
They lift [themselves] up at timbrel and harp, And rejoice at the sound of an organ.
13 Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; nagaadhaanis ni awwaalamu. (Sheol h7585)
They wear out in good their days, And in a moment [to] Sheol go down. (Sheol h7585)
14 Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
And they say to God, 'Turn aside from us, And the knowledge of Thy ways We have not desired.
15 Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? Nu isa kadhannee maal arganna?’
What [is] the Mighty One that we serve Him? And what do we profit when we meet with Him?'
16 Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
Lo, not in their hand [is] their good, (The counsel of the wicked Hath been far from me.)
17 “Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa? Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa? Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
How oft is the lamp of the wicked extinguished, And come on them doth their calamity? Pangs He apportioneth in His anger.
18 Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti; akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
They are as straw before wind, And as chaff a hurricane hath stolen away,
19 Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu. Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif gatii isaa haa kennu!
God layeth up for his sons his sorrow, He giveth recompense unto him — and he knoweth.
20 Iji isaa badiisa isaa haa argu; inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
His own eyes see his destruction, And of the wrath of the Mighty he drinketh.
21 Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti, waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa dhimma maalii qabaata?
For what [is] his delight in his house after him, And the number of his months cut off?
22 “Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa? Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
To God doth [one] teach knowledge, And He the high doth judge?
23 Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu, utuma humna guutuu qabuu,
This [one] dieth in his perfect strength, Wholly at ease and quiet.
24 utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
His breasts have been full of milk, And marrow his bones doth moisten.
25 Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin, jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
And this [one] dieth with a bitter soul, And have not eaten with gladness.
26 Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu; lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
Together — on the dust they lie down, And the worm doth cover them over.
27 “Ani yaada keessanii fi mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
Lo, I have known your thoughts, And the devices against me ye do wrongfully.
28 Isin, ‘Manni namicha guddaa, dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
For ye say, 'Where [is] the house of the noble? And where the tent — The tabernacles of the wicked?'
29 Isin namoota karaa deeman hin gaafannee? Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
Have ye not asked those passing by the way? And their signs do ye not know?
30 Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu, akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
That to a day of calamity is the wicked spared. To a day of wrath they are brought.
31 Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu? Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
Who doth declare to his face his way? And [for] that which he hath done, Who doth give recompence to him?
32 Inni gara awwaalaatti geeffama; awwaalli isaas ni eegama.
And he — to the graves he is brought. And over the heap a watch is kept.
33 Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa; namoonni hundi isa duukaa buʼu; namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
Sweet to him have been the clods of the valley, And after him every man he draweth, And before him there is no numbering.
34 “Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen na jajjabeessuu dandeessu ree? Deebiin keessanis soba qofa!”
And how do ye comfort me [with] vanity, And in your answers hath been left trespass?

< Iyyoob 21 >