< Iyyoob 19 >

1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
Ndipo Ayubu akajibu:
2 “Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii dubbiin na cabsitu?
“Je, mtaendelea kunitesa mpaka lini, na kuniponda kwa maneno yenu?
3 Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu; qaanii malees na miitaniirtu.
Mara kumi hizi mmenishutumu; bila aibu mnanishambulia.
4 Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe, dogoggorri koo anuma wajjin jiraata.
Kama ni kweli nimepotoka, kosa langu ninabaki kuhusika nalo mwenyewe.
5 Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan,
Kama kweli mngejitukuza wenyewe juu yangu, na kutumia unyonge wangu dhidi yangu,
6 akka Waaqni na miidhee kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa.
basi jueni kuwa Mungu amenitendea yaliyo mabaya, naye amekokota wavu wake kunizunguka.
7 “‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu; sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus murtiin qajeelaan hin jiru.
“Ingawa ninalia, ‘Nimetendewa mabaya!’ sipati jibu; ingawa ninaomba msaada, hakuna haki.
8 Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera; daandii koottis dukkana haguugeera.
Yeye ameizuia njia yangu hivyo siwezi kupita; ameyafunika mapito yangu na giza.
9 Ulfina koo narraa mulqeera; mataa koo irraas gonfoo fuudheera.
Amenivua heshima yangu, na kuniondolea taji kichwani pangu.
10 Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga; abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa.
Amenibomoa kila upande hadi nimeisha; amelingʼoa tegemeo langu kama mti.
11 Dheekkamsi isaa natti bobaʼa; akkuma diina isaattis na heda.
Hasira yake imewaka juu yangu; amenihesabu kuwa miongoni mwa adui zake.
12 Loltoonni isaa humnaan dhufanii naannoo kootti daʼannaa ijaarratan; dunkaana koos ni marsan.
Majeshi yake yananisogelea kwa nguvu; yamenizingira, yamepiga kambi kulizunguka hema langu.
13 “Inni obboloota koo narraa fageesseera; michoonni koos keessummaa natti taʼan.
“Amewatenga ndugu zangu mbali nami; wale tunaojuana nao wamefarakana nami kabisa.
14 Firoonni koo na dhiisaniiru; michuuwwan koos na dagataniiru.
Watu wa jamaa yangu wamekwenda mbali; rafiki zangu wamenisahau.
15 Keessumoonni mana koo jiranii fi xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan; akka nama ormaattis na hedan.
Wageni wangu na watumishi wangu wa kike wananiona kama mgeni; wananitazama kama mgeni.
16 Hojjetaa koo nan waama; afaan kootiinis isa nan kadhadha; inni garuu na jalaa hin owwaatu.
Namwita mtumishi wangu, wala haitiki, ingawa namwomba kwa kinywa changu mwenyewe.
17 Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha; ani obboloota koottis xiraaʼaa dha.
Pumzi ya kinywa changu ni kinyaa kwa mke wangu; nimekuwa chukizo mno kwa ndugu zangu mwenyewe.
18 Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu; yommuu ani kaʼus natti qoosu.
Hata watoto wadogo hunidhihaki; ninapojitokeza, hunifanyia mzaha.
19 Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan; warri ani jaalladhus natti garagalan.
Rafiki zangu wa moyoni wote wananichukia kabisa; wale niwapendao wamekuwa kinyume nami.
20 Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti; gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe.
Mimi nimebaki mifupa na ngozi tu; nimeponea nikiwa karibu kufa.
21 “Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa; harki Waaqaa na dhaʼeeraatii.
“Nihurumieni, rafiki zangu, kuweni na huruma, kwa kuwa mkono wa Mungu umenipiga.
22 Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu? Amma illee foon koo isin hin geenyee?
Kwa nini mnanifuatia kama Mungu afanyavyo? Hamtosheki kamwe na mwili wangu?
23 “Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee! Utuu kitaaba keessatti barreeffamee!
“Laiti maneno yangu yangewekwa kwenye kumbukumbu, laiti kwamba yangeandikwa kwenye kitabu,
24 Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee!
kwamba yangechorwa kwenye risasi kwa kifaa cha chuma, au kuyachonga juu ya mwamba milele!
25 Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
Ninajua kwamba Mkombozi wangu yu hai, naye kwamba mwishoni atasimama juu ya nchi.
26 Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
Nami baada ya ngozi yangu kuharibiwa, bado nikiwa na mwili huu nitamwona Mungu;
27 ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!
mimi nitamwona kwa macho yangu mwenyewe: mimi, wala si mwingine. Tazama jinsi moyo wangu unavyomtamani sana!
28 “Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf nu akkamitti isa ariina?’ jettan,
“Kama mkisema, ‘Tazama tutakavyomwinda, maadamu mzizi wa tatizo uko ndani yake,’
29 sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu; kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.”
ninyi wenyewe uogopeni upanga, kwa kuwa ghadhabu italeta adhabu kwa upanga, nanyi ndipo mtakapojua kwamba kuna hukumu.”

< Iyyoob 19 >