< Iyyoob 19 >
1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
Iyyoobis akkana jedhee deebise:
2 “Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii dubbiin na cabsitu?
“Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii dubbiin na cabsitu?
3 Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu; qaanii malees na miitaniirtu.
Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu; qaanii malees na miitaniirtu.
4 Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe, dogoggorri koo anuma wajjin jiraata.
Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe, dogoggorri koo anuma wajjin jiraata.
5 Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan,
Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan,
6 akka Waaqni na miidhee kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa.
akka Waaqni na miidhee kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa.
7 “‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu; sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus murtiin qajeelaan hin jiru.
“‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu; sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus murtiin qajeelaan hin jiru.
8 Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera; daandii koottis dukkana haguugeera.
Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera; daandii koottis dukkana haguugeera.
9 Ulfina koo narraa mulqeera; mataa koo irraas gonfoo fuudheera.
Ulfina koo narraa mulqeera; mataa koo irraas gonfoo fuudheera.
10 Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga; abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa.
Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga; abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa.
11 Dheekkamsi isaa natti bobaʼa; akkuma diina isaattis na heda.
Dheekkamsi isaa natti bobaʼa; akkuma diina isaattis na heda.
12 Loltoonni isaa humnaan dhufanii naannoo kootti daʼannaa ijaarratan; dunkaana koos ni marsan.
Loltoonni isaa humnaan dhufanii naannoo kootti daʼannaa ijaarratan; dunkaana koos ni marsan.
13 “Inni obboloota koo narraa fageesseera; michoonni koos keessummaa natti taʼan.
“Inni obboloota koo narraa fageesseera; michoonni koos keessummaa natti taʼan.
14 Firoonni koo na dhiisaniiru; michuuwwan koos na dagataniiru.
Firoonni koo na dhiisaniiru; michuuwwan koos na dagataniiru.
15 Keessumoonni mana koo jiranii fi xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan; akka nama ormaattis na hedan.
Keessumoonni mana koo jiranii fi xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan; akka nama ormaattis na hedan.
16 Hojjetaa koo nan waama; afaan kootiinis isa nan kadhadha; inni garuu na jalaa hin owwaatu.
Hojjetaa koo nan waama; afaan kootiinis isa nan kadhadha; inni garuu na jalaa hin owwaatu.
17 Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha; ani obboloota koottis xiraaʼaa dha.
Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha; ani obboloota koottis xiraaʼaa dha.
18 Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu; yommuu ani kaʼus natti qoosu.
Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu; yommuu ani kaʼus natti qoosu.
19 Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan; warri ani jaalladhus natti garagalan.
Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan; warri ani jaalladhus natti garagalan.
20 Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti; gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe.
Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti; gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe.
21 “Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa; harki Waaqaa na dhaʼeeraatii.
“Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa; harki Waaqaa na dhaʼeeraatii.
22 Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu? Amma illee foon koo isin hin geenyee?
Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu? Amma illee foon koo isin hin geenyee?
23 “Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee! Utuu kitaaba keessatti barreeffamee!
“Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee! Utuu kitaaba keessatti barreeffamee!
24 Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee!
Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee!
25 Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
26 Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
27 ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!
ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!
28 “Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf nu akkamitti isa ariina?’ jettan,
“Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf nu akkamitti isa ariina?’ jettan,
29 sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu; kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.”
sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu; kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.”