< Iyyoob 17 >

1 Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera; awwaallis naa qopheeffameera.
רוחי חבלה ימי נזעכו קברים לי
2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.
אם-לא התלים עמדי ובהמרותם תלן עיני
3 “Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; si malee eenyutu wabii naa taʼa?
שימה-נא ערבני עמך מי הוא לידי יתקע
4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.
כי-לבם צפנת משכל על-כן לא תרמם
5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.
לחלק יגיד רעים ועיני בניו תכלנה
6 “Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, nama namni fuula isaatti tufu na godheera.
והציגני למשל עמים ותפת לפנים אהיה
7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.
ותכה מכעש עיני ויצרי כצל כלם
8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa.
ישמו ישרים על-זאת ונקי על-חנף יתערר
9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.
ויאחז צדיק דרכו וטהר-ידים יסיף אמץ
10 “Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.
ואולם--כלם תשבו ובאו נא ולא-אמצא בכם חכם
11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.
ימי עברו זמתי נתקו-- מורשי לבבי
12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.
לילה ליום ישימו אור קרוב מפני-חשך
13 Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe, (Sheol h7585)
אם-אקוה שאול ביתי בחשך רפדתי יצועי (Sheol h7585)
14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,
לשחת קראתי אבי אתה אמי ואחתי לרמה
15 egaa abdiin koo eessa jira? Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
ואיה אפו תקותי ותקותי מי ישורנה
16 Inni na wajjin awwaala buʼaa? Nus walumaan biyyoo seennaa?” (Sheol h7585)
בדי שאל תרדנה אם-יחד על-עפר נחת (Sheol h7585)

< Iyyoob 17 >