< Iyyoob 17 >
1 Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera; awwaallis naa qopheeffameera.
“Mtima wanga wasweka, masiku anga atha, manda akundidikira.
2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.
Ndithudi, anthu ondiseka andizungulira; maso anga akupenyetsetsa mdani wanga.
3 “Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; si malee eenyutu wabii naa taʼa?
“Inu Mulungu, patseni chikole chimene mukufuna. Ndani wina amene adzandiperekera ine chikole?
4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.
Inu mwatseka maganizo awo kuti asamvetse zinthu; choncho simudzawalola kuti apambane.
5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.
Ngati munthu apereka mnzake chifukwa cha chuma, ana ake sadzaona mwayi.
6 “Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, nama namni fuula isaatti tufu na godheera.
“Mulungu wandisandutsa chisudzo chochiseka aliyense, munthu amene anthu amalavulira malovu nkhope yake.
7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.
Mʼmaso mwanga mwada ndi chisoni; ndawonda ndi mutu womwe.
8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa.
Anthu olungama akudabwa nazo zimenezi; anthu osachimwa akupsera mtima anthu osapembedza Mulungu.
9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.
Komabe anthu olungama adzasunga njira zawo, ndipo anthu a makhalidwe abwino mphamvu zawo zidzanka zikuchuluka.
10 “Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.
“Tsono bwerani nonsenu, bwerezaninso mawu anuwo, sindidzapezapo munthu wanzeru pakati panupo.
11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.
Masiku anga atha, zimene ndinakonza zalephereka, pamodzinso ndi zokhumba za mtima wanga.
12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.
Anthu awa amasandutsa usiku kukhala usana, nthawi ya usiku iwo amati ‘kwatsala pangʼono kucha.’
13 Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe, (Sheol )
Ngati nyumba imene ndikuyiyembekezera ndi manda, ngati ndiyala bedi langa mu mdima, (Sheol )
14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,
ngati ndinena kwa dzenje la manda ‘ndinu abambo anga,’ ndiponso kwa mphutsi kuti, ‘ndinu amayi anga’ kapena ‘mlongo wanga,’
15 egaa abdiin koo eessa jira? Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
tsono chiyembekezo changa chili kuti? Ndani angaone populumukira panga?
16 Inni na wajjin awwaala buʼaa? Nus walumaan biyyoo seennaa?” (Sheol )
Ndithu sindidzakhalanso ndi chiyembekezo chilichonse, polowa mʼmanda, pamene ndidzatsikira ku fumbi.” (Sheol )