< Iyyoob 16 >

1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
ויען איוב ויאמר׃
2 “Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera; hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!
שמעתי כאלה רבות מנחמי עמל כלכם׃
3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu? Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?
הקץ לדברי רוח או מה ימריצך כי תענה׃
4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture; dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis mataa koo isinitti nan raasan ture.
גם אנכי ככם אדברה לו יש נפשכם תחת נפשי אחבירה עליכם במלים ואניעה עליכם במו ראשי׃
5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.
אאמצכם במו פי וניד שפתי יחשך׃
6 “Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu; cal jedhus na hin dhiisu.
אם אדברה לא יחשך כאבי ואחדלה מה מני יהלך׃
7 Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta; warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.
אך עתה הלאני השמות כל עדתי׃
8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe; akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.
ותקמטני לעד היה ויקם בי כחשי בפני יענה׃
9 Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire; ilkaan isaa natti qarate; diinni koo ija isaa natti babaase.
אפו טרף וישטמני חרק עלי בשניו צרי ילטוש עיניו לי׃
10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan; tuffiidhaan maddii koo kabalan; tokko taʼanii natti kaʼan.
פערו עלי בפיהם בחרפה הכו לחיי יחד עלי יתמלאון׃
11 Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne; harka jalʼootaa keessas na buuse.
יסגירני אל אל עויל ועל ידי רשעים ירטני׃
12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse; morma na qabee na caccabse. Xiyyeeffannaa isaas na godhate;
שלו הייתי ויפרפרני ואחז בערפי ויפצפצני ויקימני לו למטרה׃
13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu. Inni gara laafina malee kalee koo waraanee hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.
יסבו עלי רביו יפלח כליותי ולא יחמול ישפך לארץ מררתי׃
14 Inni ammumaa amma na caccabsa; akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.
יפרצני פרץ על פני פרץ ירץ עלי כגבור׃
15 “Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera; gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.
שק תפרתי עלי גלדי ועללתי בעפר קרני׃
16 Fuulli koo booʼichaan diimateera; dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.
פני חמרמרה מני בכי ועל עפעפי צלמות׃
17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne; kadhannaan koos qulqulluu dha.
על לא חמס בכפי ותפלתי זכה׃
18 “Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin; akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!
ארץ אל תכסי דמי ואל יהי מקום לזעקתי׃
19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; abukaattoon koos ol gubbaa jira.
גם עתה הנה בשמים עדי ושהדי במרומים׃
20 Michoonni koo na tuffatu; iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;
מליצי רעי אל אלוה דלפה עיני׃
21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!
ויוכח לגבר עם אלוה ובן אדם לרעהו׃
22 “Waggoota xinnoo booddee, ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.
כי שנות מספר יאתיו וארח לא אשוב אהלך׃

< Iyyoob 16 >