< Iyyoob 16 >
1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
Sai Ayuba ya amsa,
2 “Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera; hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!
“Na ji abubuwa da yawa kamar waɗannan; dukanku ba ku iya ta’aziyya ba!
3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu? Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?
Dogayen surutanku ba sa ƙare ne? Me yake sa kuke ta yin waɗannan surutai har kuke cin gaba da yin gardama?
4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture; dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis mataa koo isinitti nan raasan ture.
Ni ma zan iya yin maganganu kamar yadda kuke yi in da kuna cikin halin da nake; zan iya faɗar duk abubuwan da kuke faɗi, in kaɗa muku kaina.
5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.
Amma bakina zai ƙarfafa ku; ta’aziyyar da za tă fito daga bakina za tă kawar muku da ɓacin zuciyarku.
6 “Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu; cal jedhus na hin dhiisu.
“Duk da haka in na yi magana, ba na samun sauƙi; in ma na yi shiru zafin ba ya tafiya.
7 Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta; warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.
Ba shakka ya Allah ka gajiyar da ni; ka ɓata gidana gaba ɗaya.
8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe; akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.
Ka daure ni, ya kuma zama shaida; yadda na rame sai ƙasusuwa, wannan ya sa ake gani kamar don ni mai zunubi ne shi ya sa.
9 Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire; ilkaan isaa natti qarate; diinni koo ija isaa natti babaase.
Allah ya kai mini hari ya yi kaca-kaca da ni cikin fushinsa yana cizon haƙoransa don fushin da yake yi da ni; ya zura mini ido.
10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan; tuffiidhaan maddii koo kabalan; tokko taʼanii natti kaʼan.
Mutane suka buɗe baki suka yi mini riyar reni; suka yi mini ba’a suka haɗu suka tayar mini.
11 Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne; harka jalʼootaa keessas na buuse.
Allah ya bashe ni ga mugayen mutane, ya jefa ni hannun mugaye.
12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse; morma na qabee na caccabse. Xiyyeeffannaa isaas na godhate;
Dā ina zamana lafiya kome yana tafiya daidai; amma ya ragargaza ni; ya shaƙe ni a wuya; ya murƙushe ni na zama abin barata gare shi;
13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu. Inni gara laafina malee kalee koo waraanee hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.
maharbansa sun kewaye ni. Ba tausayi, ya soke ni a ƙodata har jini ya zuba a ƙasa.
14 Inni ammumaa amma na caccabsa; akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.
Ya ji mini rauni a kai a kai ya auko mini kamar mai yaƙi.
15 “Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera; gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.
“Ina makoki saye da tsummoki na ɓoye fuskata a cikin ƙura.
16 Fuulli koo booʼichaan diimateera; dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.
Fuskata ta yi ja don kuka idanuna sun kukumbura;
17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne; kadhannaan koos qulqulluu dha.
duk da haka hannuwana ba su aikata ɓarna ba kuma addu’ata mai tsabta ce.
18 “Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin; akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!
“Ya duniya, kada ki ɓoye jinina; bari yă yi kuka a madadina!
19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; abukaattoon koos ol gubbaa jira.
Ko yanzu haka shaidata tana sama; wanda zai tsaya mini yana sama.
20 Michoonni koo na tuffatu; iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;
Shi mai yin roƙo a madadina abokina ne yayinda nake kuka ga Allah;
21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!
a madadin mutum ya yi roƙo ga Allah kamar yadda mutum yakan yi roƙo domin abokinsa.
22 “Waggoota xinnoo booddee, ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.
“Shekaru kaɗan suka rage in kama hanyar da ba a komawa.