< Iyyoob 15 >

1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
Kisha Elifazi Mtemani akajibu:
2 “Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa? Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa?
“Je, mtu mwenye hekima hujibu kwa mawazo matupu, au kujaza tumbo lake kwa upepo wenye joto wa mashariki?
3 Inni dubbii faayidaa hin qabneen, haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa?
Je, aweza kubishana juu ya maneno yasiyofaa, kwa hotuba zisizo na maana?
4 Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta; Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita.
Lakini unadhoofisha hata uchaji wa Mungu na kuzuia ibada mbele za Mungu.
5 Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti; atis afaan jalʼootaa filatta.
Dhambi yako inasukuma kinywa chako, nawe umechagua ulimi wa hila.
6 Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti; arrabuma keetu ragaa sitti taʼa.
Kinywa chako mwenyewe kinakuhukumu, wala si changu; midomo yako mwenyewe inashuhudia dhidi yako.
7 “Situ nama hunda dura dhalatee? Yookaan situ tulluuwwan dura argamee?
“Je, wewe ni mtu wa kwanza kuzaliwa? Ulizaliwa kabla ya vilima?
8 Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa? Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa?
Je, wewe husikiliza mashauri ya siri ya Mungu? Je, wewe unaizuia hekima iwe yako mwenyewe?
9 Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali? Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali?
Wewe unajua kitu gani tusichokijua sisi? Unafahamu kitu gani tusichokifahamu sisi?
10 Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran, warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru.
Wale wenye mvi na wazee wako upande wetu, watu ambao ni wazee hata kuliko baba yako.
11 Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu, dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee?
Je, faraja za Mungu hazikutoshi, au maneno yaliyosemwa kwako kwa upole si kitu?
12 Yaadni kee maaliif si fudhatee bada? Ijas maaliif babaafta?
Kwa nini moyo wako unakudanganya, na kwa nini macho yako yanangʼaa,
13 Wanni akka ati Waaqatti aartu, akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali?
ili kwamba upate kutoa hasira yako dhidi ya Mungu, na kumwaga maneno kama hayo kutoka kinywani mwako?
14 “Akka qulqulluu taʼuuf namni maali? Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali?
“Mwanadamu ni kitu gani, hata aweze kuwa safi, au yeye aliyezaliwa na mwanamke, hata aweze kuwa mwadilifu?
15 Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
Kama Mungu hawaamini watakatifu wake, kama hata mbingu zenyewe si safi machoni pake,
16 yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!
sembuse mwanadamu ambaye ni mwovu na mpotovu, ambaye hunywa uovu kama anywavyo maji!
17 “Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa; waanan arges sitti nan hima;
“Nisikilize mimi nami nitakueleza, acha nikuambie yale niliyoyaona,
18 waan namoonni ogeeyyiin waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin odeessan sana nan dubbadha;
ambayo watu wenye hekima wameyanena, bila kuficha lolote walilopokea toka kwa baba zao
19 biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte; alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne.
(wakati ambao wao peke yao ndio walipewa nchi, hakuna mgeni aliyepita miongoni mwao):
20 Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu, gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata.
Mtu mwovu siku zake zote hupata mateso, miaka yote aliwekewa mkorofi.
21 Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya; utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu.
Sauti za kutisha hujaa masikioni mwake; katika kufanikiwa kwake, wanyangʼanyi humshambulia.
22 Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu; goraadeetu isa eeggata.
Hukata tamaa kuokoka gizani; amewekwa kwa ajili ya upanga.
23 Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora; akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka.
Hutangatanga, akitafuta chakula; anajua kwamba siku ya giza iko karibu.
24 Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu; akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu;
Taabu na maumivu makuu vinamtia hofu; humshinda kama mfalme aliye tayari kwa vita,
25 inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera;
kwa sababu amemkunjia Mungu ngumi yake na kujigamba dhidi ya Mwenyezi,
26 gaachana yabbuu fi jabaa qabatee isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera.
kwa kiburi akishambulia dhidi ya Mungu akiwa na ngao nene, iliyo imara.
27 “Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu,
“Ingawa uso wake umefunikwa na mafuta kwa unene na kiuno chake kimevimba kwa kunenepa,
28 inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa, manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata.
ataishi katika miji ya magofu, na katika nyumba ambazo haziishi mwanadamu yeyote, nyumba zinazokuwa vifusi.
29 Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu.
Hatatajirika tena, nao utajiri wake hautadumu, wala mali zake hazitakuwa nyingi juu ya nchi.
30 Inni dukkana jalaa hin baʼu; arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa; hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata.
Hatatoka gizani; mwali wa moto utanyausha machipukizi yake, nayo pumzi ya kinywa cha Mungu itamwondolea mbali.
31 Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef, waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin.
Asijidanganye mwenyewe kutumainia ubatili, kwa kuwa hatapata malipo yoyote.
32 Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga; dameen isaas hin lalisu.
Atakuwa amelipwa kikamilifu kabla ya wakati wake, nayo matawi yake hayatastawi.
33 Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee, akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa.
Atafanana na mzabibu uliopukutishwa matunda yake kabla hayajaiva, kama mzeituni unaodondosha maua yake.
34 Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena; ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba.
Kwa kuwa jamii ya wasiomcha Mungu watakuwa tasa, nao moto utateketeza hema za wale wanaopenda rushwa.
35 Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan; garaan isaaniis jalʼina yaada.”
Hutunga mimba ya madhara na kuzaa uovu; matumbo yao huumba udanganyifu.”

< Iyyoob 15 >