< Iyyoob 15 >

1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
Then Eliphaz the Temanite answered and said,
2 “Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa? Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa?
“Should a wise man answer with useless knowledge and fill himself with the east wind?
3 Inni dubbii faayidaa hin qabneen, haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa?
Should he reason with unprofitable talk or with speeches with which he can do no good?
4 Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta; Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita.
Indeed, you diminish respect for God; you obstruct devotion to him,
5 Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti; atis afaan jalʼootaa filatta.
for your iniquity teaches your mouth; you choose to have the tongue of a crafty man.
6 Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti; arrabuma keetu ragaa sitti taʼa.
Your own mouth condemns you, not mine; indeed, your own lips testify against you.
7 “Situ nama hunda dura dhalatee? Yookaan situ tulluuwwan dura argamee?
Are you the first man that was born? Were you brought into existence before the hills?
8 Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa? Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa?
Have you heard the secret knowledge of God? Do you limit wisdom to yourself?
9 Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali? Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali?
What do you know that we do not know? What do you understand that is not also in us?
10 Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran, warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru.
With us are both the gray-headed and the very aged men who are much older than your father.
11 Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu, dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee?
Are the consolations of God too small for you, the words that are gentle toward you?
12 Yaadni kee maaliif si fudhatee bada? Ijas maaliif babaafta?
Why does your heart carry you away? Why do your eyes flash,
13 Wanni akka ati Waaqatti aartu, akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali?
so that you turn your spirit against God and bring out such words from your mouth?
14 “Akka qulqulluu taʼuuf namni maali? Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali?
What is man that he should be clean? What is he who is born of a woman that he should be righteous?
15 Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
See, God puts no trust even in his holy ones; indeed, the heavens are not clean in his sight;
16 yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!
how much less clean is one who is abominable and corrupt, a man who drinks iniquity like water!
17 “Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa; waanan arges sitti nan hima;
I will show you; listen to me; I will announce to you the things I have seen,
18 waan namoonni ogeeyyiin waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin odeessan sana nan dubbadha;
the things that wise men have passed down from their fathers, the things that their ancestors did not hide.
19 biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte; alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne.
These were their ancestors, to whom alone the land was given, and among whom no stranger ever passed.
20 Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu, gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata.
The wicked man twists in pain all his days, the number of years that are laid up for the oppressor to suffer.
21 Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya; utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu.
A sound of terrors is in his ears; while he is in prosperity, the destroyer will come upon him.
22 Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu; goraadeetu isa eeggata.
He does not think that he will return out of darkness; the sword waits for him.
23 Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora; akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka.
He goes to various places for bread, saying, 'Where is it?' He knows that the day of darkness is at hand.
24 Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu; akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu;
Distress and anguish make him afraid; they prevail against him, as a king ready for battle.
25 inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera;
Because he has reached out with his hand against God and has behaved proudly against the Almighty,
26 gaachana yabbuu fi jabaa qabatee isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera.
this wicked man runs at God with a stiff neck, with a thick shield.
27 “Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu,
This is true, even though he has covered his face with his fat and gathered fat on his loins,
28 inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa, manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata.
and has lived in desolate cities; in houses which no man inhabits now and which were ready to become heaps.
29 Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu.
He will not be rich; his wealth will not last and his possessions will not spread over the land.
30 Inni dukkana jalaa hin baʼu; arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa; hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata.
He will not depart out of darkness; a flame will dry up his stalks; at the breath of God's mouth he will go away.
31 Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef, waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin.
Let him not trust in useless things, deceiving himself; for uselessness will be his reward.
32 Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga; dameen isaas hin lalisu.
It will happen before his time should come to die; his branch will not be green.
33 Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee, akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa.
He will drop his unripe grapes like a grapevine; he will cast off his flowers like the olive tree.
34 Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena; ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba.
For the company of godless people will be barren; fire will consume their tents of bribery.
35 Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan; garaan isaaniis jalʼina yaada.”
They conceive mischief and give birth to iniquity; their womb conceives deceit.”

< Iyyoob 15 >