< Iyyoob 14 >

1 “Nama dubartoota irraa dhalate, barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.
“Mutum haihuwar mace kwanakinsa kaɗan ne, kuma cike da wahala.
2 Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas; akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.
Yana tasowa kamar fure yana kuma shuɗewa; kamar inuwa, ba ya daɗewa.
3 Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa? Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa?
Za ka zura ido a kan irin wannan ne? Za ka kawo shi gaba don ka yi masa shari’a?
4 Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa? Namni tokko iyyuu hin dandaʼu!
Wane ne zai iya kawo abin da yake da tsarki daga cikin abu marar tsarki? Babu!
5 Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha; baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira; daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.
An lissafta kwanakin mutum; ka riga ka ɗibar masa watanni, ka yi masa iyaka, ba zai iya wuce iyakar ba.
6 Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti, fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi.
Saboda haka ka kawar da kanka daga gare shi, ka rabu da shi har sai ya cika lokacinsa kamar mutumin da aka ɗauki hayarsa.
7 “Mukni illee abdii qaba: Yoo murame deebiʼee ni lata; dameen isaa haaraanis hin gogu.
“Aƙalla itace yana da bege. In an sare shi, zai sāke tsira, zai tohu da kyau.
8 Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu,
Ko da jijiyoyin itacen sun tsufa a cikin ƙasa kuma kututturensa ya mutu a cikin ƙasa.
9 foolii bishaaniitiin lata; akka biqiltuuttis damee ni baafata.
Daga ya ji ƙanshin ruwa zai tohu yă yi tsiro kamar shuka.
10 Namni garuu duʼee awwaalama; lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu.
Amma mutum yana mutuwa a bizne shi; daga ya ja numfashinsa na ƙarshe, shi ke nan.
11 Akkuma bishaan galaanaa gogu yookaan lagnis dhumee gogu sana,
Kamar yadda ruwa yake bushewa a teku ko a gaɓar rafi sai wurin yă bushe,
12 namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus; hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu yookaan hirribaa hin kaʼu.
haka mutum zai kwanta ba zai tashi ba; har sai duniya ta shuɗe mutane ba za su farka ba, ba za su tashi daga barcinsu ba.
13 “Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee! Maaloo utuu beellama naa kennitee ergasii immoo na yaadattee! (Sheol h7585)
“Da ma za ka ɓoye ni a cikin kabari ka ɓoye ni har sai fushinka ya wuce! In da za ka keɓe mini lokaci sa’an nan ka tuna da ni! (Sheol h7585)
14 Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa? Ani hamma haaromfamni koo dhufutti, bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha.
In mutum ya mutu, ko zai sāke rayuwa? In haka ne zan daure kwanakin da nake shan wahala har su wuce.
15 Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha; hojii harka keetiis ni hawwita.
Za ka kira zan kuwa amsa maka; za ka yi marmarin abin da hannunka ya halitta.
16 Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta; cubbuu koo garuu hin toʼattu.
Ba shakka a lokacin ne za ka lura da matakaina amma ba za ka kula da zunubaina ba.
17 Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama; ati cubbuu koo ni haguugda.
Za a daure laifofina a cikin jaka; za ka rufe zunubaina.
18 “Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu, kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana,
“Amma kamar yadda manyan duwatsu suke fāɗuwa su farfashe su kuma gusa daga wurarensu,
19 akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu, akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana, atis akkasuma abdii namaa ni balleessita.
yadda ruwa yakan zaizaye duwatsu ruwa mai ƙarfi kuma yă kwashe turɓayar ƙasa, haka kake barin mutum ba bege.
20 Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada; bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita.
Ka sha ƙarfinsa gaba ɗaya, sai ya ɓace, ka sauya yanayinsa ka kuma kore shi.
21 Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku; yoo isaan salphatanis hin argu.
Ko an martaba’ya’yansa maza, ba zai sani ba; Ko an wulaƙanta su, ba zai gani ba.
22 Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama; inni mataa isaa qofaaf booʼa.”
Zafin jikinsa kaɗai yake ji yana kuka wa kansa ne kaɗai.”

< Iyyoob 14 >