< Iyyoob 14 >
1 “Nama dubartoota irraa dhalate, barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.
Man, born of woman, is of few days, and full of trouble.
2 Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas; akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.
He cometh forth like a flower, and is cut down; and he fleeth as a shadow, and continueth not.
3 Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa? Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa?
Yet dost thou open thine eyes upon such a one, and bringest me into judgment with thee?
4 Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa? Namni tokko iyyuu hin dandaʼu!
Who can bring a clean [man] out of the unclean? Not one!
5 Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha; baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira; daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.
If his days are determined, if the number of his months is with thee, [and] thou hast appointed his bounds which he must not pass,
6 Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti, fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi.
Look away from him; and let him rest, till he accomplish, as a hireling, his day.
7 “Mukni illee abdii qaba: Yoo murame deebiʼee ni lata; dameen isaa haaraanis hin gogu.
For there is hope for a tree: if it be cut down, it will sprout again, and its tender branch will not cease;
8 Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu,
Though its root grow old in the earth, and its stock die in the ground,
9 foolii bishaaniitiin lata; akka biqiltuuttis damee ni baafata.
Yet through the scent of water it will bud, and put forth boughs like a young plant.
10 Namni garuu duʼee awwaalama; lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu.
But a man dieth, and is prostrate; yea, man expireth, and where is he?
11 Akkuma bishaan galaanaa gogu yookaan lagnis dhumee gogu sana,
The waters recede from the lake, and the river wasteth and drieth up:
12 namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus; hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu yookaan hirribaa hin kaʼu.
So man lieth down, and riseth not again; till the heavens be no more, they do not awake, nor are raised out of their sleep.
13 “Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee! Maaloo utuu beellama naa kennitee ergasii immoo na yaadattee! (Sheol )
Oh that thou wouldest hide me in Sheol, that thou wouldest keep me secret until thine anger be past, that thou wouldest appoint me a set time, and remember me, — (Sheol )
14 Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa? Ani hamma haaromfamni koo dhufutti, bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha.
(If a man die, shall he live [again]?) all the days of my time of toil would I wait, till my change should come:
15 Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha; hojii harka keetiis ni hawwita.
Thou wouldest call, and I would answer thee; thou wouldest have a desire after the work of thy hands.
16 Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta; cubbuu koo garuu hin toʼattu.
For now thou numberest my steps: dost thou not watch over my sin?
17 Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama; ati cubbuu koo ni haguugda.
My transgression is sealed up in a bag, and thou heapest up mine iniquity.
18 “Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu, kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana,
And indeed a mountain falling cometh to nought, and the rock is removed out of its place;
19 akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu, akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana, atis akkasuma abdii namaa ni balleessita.
The waters wear the stones, the floods thereof wash away the dust of the earth; and thou destroyest the hope of man.
20 Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada; bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita.
Thou prevailest for ever against him, and he passeth away; thou changest his countenance, and dismissest him.
21 Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku; yoo isaan salphatanis hin argu.
His sons come to honour, and he knoweth it not; and they are brought low, and he perceiveth it not.
22 Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama; inni mataa isaa qofaaf booʼa.”
But his flesh hath pain for himself alone, and his soul mourneth for himself.