< Iyyoob 12 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
約伯回答說:
2 “Nama jechuun dhugumaan isin; ogummaanis isin wajjin duuti!
的確,只有你們是有知識的子民;那麼,你們一死,智慧也與你們一同喪亡!
3 Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba; ani isinii gad miti. Namni waan akkanaa hin beekne eenyu?
其實,我和你們有同樣的心理,我並不亞於你們! 誰不知道這些事﹖
4 “Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee, michoota koo biratti nama kolfaa taʼeera. Ani utuun nama qajeelaa hirʼina hin qabne taʼee jiruu nama kolfaa taʼeera.
我這呼籲天主而蒙應允的人,卻被他的友人所嘲笑,無辜的義人卻成了笑柄。
5 Warri itti tole rakkinatti qoosu; nama kufuuf miilli isaa mucucaateenis kun hiree isaati jedhu.
幸運的人心想:遭難的人應受蔑視,失足的人應再予以打擊。
6 Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu; warri Waaqa isaanii harkatti baatanii jooran, warri Waaqa dheekkamsiisan nagaan jiraatu.
但是,強盜的帳幕竟能安全,觸怒天主的人,以勢力為神的人卻享平安。
7 “Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu; yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu;
請你詢問走獸,牠們也會開導你;詢問天上的飛鳥,牠們也會告訴你;
8 yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa; yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan.
地上的爬蟲也會教訓你,海中的魚族也會給你說明。
9 Akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne?
牠們中有誰不知道:是天主的手創造了這一切﹖
10 Lubbuun uumama hundaa, hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.
因為一切活物的生魂,一切血肉之人的靈魂,都握在他手中。
11 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii dhagaʼee addaan hin baasuu?
耳朵不是為明辨言語,口腔不是為辨嘗食物嗎﹖
12 Ogummaan jaarsolii biratti, hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii?
白髮老人是有智慧的,年紀大者是有見識的;
13 “Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti; gorsii fi hubannaanis kan isaa ti.
但智慧和能力同在天主內,智慧與見識是天主所有。
14 Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu; nama inni hidhe eenyu iyyuu hiikuu hin dandaʼu.
他若拆毀,人不能再建;他若拘禁,人不得開釋。
15 Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa; yoo inni gad dhiise immoo biyya balleessa.
他若制水,水便乾涸;他若放水,水便沖毀大地。
16 Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti; namni gowwoomfamuu fi inni gowwoomsus kanuma isaa ti.
力量與才能,為他所有;受騙者與騙人者,都屬於他。
17 Inni gorsitoota qullaa deemsisa; abbootii murtiis gowwoota godha.
他使謀士糊塗,使判官愚蠢;
18 Inni mootota irraa hidhaa hiikee, mudhii isaaniitti sabbata hidha.
他解除君王所繫的玉帶,將繩索捆在他們的腰間;
19 Luboota qullaa deemsisa; jajjabeeyyiis ni gaggaragalcha.
他使司祭赤足而行,推倒掌握大權者;
20 Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa; hubannaa jaarsoliis irraa fuudha.
奪去忠貞者的辯才,剝去年老者的理智:
21 Warra kabajamootti salphina fida; warra jajjaboo immoo hidhata hiikachiisa.
使貴人備受侮辱,使勇士的腰帶鬆弛;
22 Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa; dukkana limixiis ifatti geeddara.
使隱秘的事由暗處彰顯,使黑暗進入光明;
23 Inni saboota ni guddisa; ni balleessas; saboota ni baayʼisa; ni bittinneessas.
使邦國興起而又滅亡,使民族強大而又消散;
24 Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa; gammoojjii daandii hin qabne keessas isaan joorsa.
剝去國君的理智,使他們漂泊於無路的荒野中,
25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu; inni akka isaan akkuma nama machaaʼeetti gatantaranis ni godha.
在無光的黑暗中摸索,踉蹌猶如醉漢。

< Iyyoob 12 >