< Iyyoob 10 >

1 “Ani jireenya koo akka malee jibbeera; kanaafuu caalchisee nan guunguma; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
“Na gaji da rayuwa; saboda haka bari in faɗi zuciyata gabagadi yadda raina yake jin ba daɗi.
2 Waaqaanis akkana nan jedha: Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
Zan ce wa Allah, kada ka hukunta ni, amma ka gaya mini laifin da na yi maka.
3 Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee ana immoo yommuu cunqursitu, hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
Kana jin daɗin ba ni wahala, don me ka yashe ni, abin da ka halitta da hannunka, yayinda kake murmushi game da shirye-shiryen mugaye?
4 Ati ija foonii qabdaa? Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
Idanunka irin na mutum ne? Kana gani yadda mutum yake gani ne?
5 Barri kee akka bara namaatii? Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
Kwanakinka kamar na mutane ne, ko shekarunka kamar na mutane ne
6 Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee cubbuu koo qoratta?
da za ka neme ni da laifi ka hukunta ni?
7 Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
Ko da yake ka san ba ni da laifi, kuma ba wanda zai iya cetona daga hannunka.
8 “Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa?
“Da hannuwanka ka ƙera ni, kai ka halicce ni. Yanzu kuma kai za ka juya ka hallaka ni?
9 Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
Ka tuna cewa ka mulmula ni kamar yumɓu. Yanzu za ka mai da ni in zama ƙura kuma?
10 Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee?
Ba kai ka zuba ni kamar madara ba, na daskare kamar cuku.
11 Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
Ka rufe ni da tsoka da fata, ka harhaɗa ni da ƙasusuwa da jijiyoyi?
12 Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
Ka ba ni rai ka kuma yi mini alheri, kuma cikin tanadinka ka kula da ruhuna.
13 “Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte; anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
“Amma wannan shi ne abin da ka ɓoye a zuciyarka, na kuma san abin da yake cikin zuciyarka ke nan.
14 Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita; balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
In na yi zunubi kana kallo na kuma ba za ka fasa ba ni horo ba don laifin da na yi.
15 Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo! Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu; ani salphina uffadhee dhiphina keessa seeneeraatii.
Idan ina da laifi, kaitona! Ko da ba ni da laifi, ba zan iya ɗaga fuskata ba, gama kunya ta ishe ni duk ɓacin rai ya ishe ni.
16 Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita; humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
In na ɗaga kaina, za ka neme ni kamar zaki ka sāke nuna al’ajabin ikonka a kaina.
17 Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee dheekkamsa kee natti dabalta; loltuus natti fidda.
Kana sāke kawo sababbin waɗanda za su ba da shaida a kaina kana ƙara haushinka a kaina; kana ƙara kawo mini hari.
18 “Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte? Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
“Me ya sa ka fito da ni daga cikin uwata? Da ma na mutu kafin a haife ni.
19 Ani utuun dhalachuu baadhee yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
Da ma ba a halicce ni ba, da na mutu tun daga cikin cikin uwata na wuce zuwa kabari!
20 Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii? Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
’Yan kwanakina ba su kusa ƙarewa ba ne? Ka rabu da ni don in ɗan samu sukuni na ɗan lokaci
21 utuu ani lafa dhaqanii hin deebine, biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
kafin in koma inda na fito, ƙasa mai duhu da inuwa sosai,
22 gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa, biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame, kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”
zuwa ƙasa mai duhun gaske, da inuwa da hargitsi, inda haske yake kamar duhu.”

< Iyyoob 10 >