< Iyyoob 10 >
1 “Ani jireenya koo akka malee jibbeera; kanaafuu caalchisee nan guunguma; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
我實在厭惡我的生活,我要任意苦訴我的怨情,傾吐我心中的酸苦。
2 Waaqaanis akkana nan jedha: Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
我要對天主說:不要定我的罪! 請告訴我:你為何與我作對﹖
3 Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee ana immoo yommuu cunqursitu, hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
你對親手所造的,加以虐待和厭棄,卻顯揚惡人的計劃,為你豈有好處﹖
4 Ati ija foonii qabdaa? Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
你豈有肉眼,或者也像人一樣觀看嗎﹖
5 Barri kee akka bara namaatii? Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
你的日月豈像人的日月﹖你的年歲豈像人的年歲﹖
6 Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee cubbuu koo qoratta?
你竟考查我的邪惡,追究我的罪過。
7 Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
其實你知道我並沒有罪過,也知道無人能拯救我脫離你的掌握。
8 “Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa?
你親手形成了我,創造了我;此後你又轉念想消滅我。
9 Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
求你記憶:你造我時就像摶泥,難道還使我歸於泥土﹖
10 Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee?
你不是將我像奶倒出,使我凝結像一塊奶餅﹖
11 Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
用皮和肉作我的衣服,用骨和筋把我全身聯絡起來﹖
12 Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
是你將我生命的恩惠賜給了我,細心照顧維持了我的氣息。
13 “Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte; anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
這些事早已藏在你心中,我知道你久有此意:
14 Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita; balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
你監視我,看我是否犯罪;如果我有罪;你決不放過。
15 Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo! Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu; ani salphina uffadhee dhiphina keessa seeneeraatii.
我若有罪,我就有禍了! 我若有義,也不敢抬頭,因為我已備嘗凌辱,吃盡苦頭。
16 Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita; humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
我若抬頭,你就像獅子追捕我,向我表現你的奇能,
17 Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee dheekkamsa kee natti dabalta; loltuus natti fidda.
重新襲擊我,加倍對我洩怒。
18 “Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte? Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
你為何叫我出離母胎﹖不如我那時斷氣,無人見我,
19 Ani utuun dhalachuu baadhee yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
就好像從未有過我一樣,一出母胎即被送入墳墓。
20 Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii? Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
我生存的日月不是很少嗎﹖你且放開我罷!
21 utuu ani lafa dhaqanii hin deebine, biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
趁我去而不返,未到冥暗死影之地,
22 gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa, biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame, kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”
即光明也是黑暗之地以前,讓我自在一下罷!