< Ermiyaas 9 >

1 Akka ani halkanii guyyaa, saba koo dhume sanaaf booʼuuf, maaloo utuu mataan koo madda bishaanii iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe!
Laiti kichwa changu kingekuwa chemchemi ya maji na macho yangu yangekuwa kisima cha machozi! Ningelia usiku na mchana kwa kuuawa kwa watu wangu.
2 Ani akkan saba koo dhiisee biraa fagaadhuuf, maaloo utuu gammoojjii keessaa lafa bultii kara deemtotaa qabaadhee! Hundi isaanii sagaagaltoota, tuuta saba hin amanamne tokkoo ti.
Laiti ningekuwa na nyumba ya kukaa wasafiri jangwani, ningewaacha watu wangu na kwenda mbali nao, kwa kuwa wote ni wazinzi, kundi la watu wadanganyifu.
3 “Isaan soba darbachuuf arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu; isaan biyyattii keessatti dhugaadhaan hin moʼanne. Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu; anaanis hin beekan” jedha Waaqayyo.
“Huweka tayari ndimi zao kama upinde, ili kurusha uongo; wamekuwa na nguvu katika nchi lakini si katika ukweli. Wanatoka dhambi moja hadi nyingine, hawanitambui mimi,” asema Bwana.
4 “Michoota keessan irraa of eegaa; obboleessa hin amaninaa. Obboleessi hundi gowwoomsituu dha, michuun hundis maqa balleessituudhaatii.
“Jihadhari na rafiki zako; usiwaamini ndugu zako. Kwa kuwa kila ndugu ni mdanganyifu, na kila rafiki ni msingiziaji.
5 Michuun michuu gowwoomsa; namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru.
Rafiki humdanganya rafiki, hakuna yeyote asemaye kweli. Wamefundisha ndimi zao kudanganya, wanajichosha wenyewe katika kutenda dhambi.
6 Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” jedha Waaqayyo.
Unakaa katikati ya udanganyifu; katika udanganyifu wao wanakataa kunitambua mimi,” asema Bwana.
7 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora; ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa?
Kwa hiyo hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote: “Tazama, nitawasafisha na kuwajaribu, kwani ni nini kingine niwezacho kufanya kwa sababu ya dhambi ya watu wangu?
8 Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; inni gowwoomsaa dubbata. Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf.
Ndimi zao ni mshale wenye sumu, hunena kwa udanganyifu. Kwa kinywa chake kila mmoja huzungumza maneno mazuri na jirani yake, lakini moyoni mwake humtegea mtego.
9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa, haaloo hin baʼuu ree?”
Je, nisiwaadhibu kwa ajili ya jambo hili?” asema Bwana. “Je, nisijilipizie kisasi kwa taifa kama hili?”
10 Ani tulluuwwaniif gadoodee nan booʼa; lafa dheedaa gammoojjiitiifis faarsee nan booʼa. Sababii isaan onanii hafaniif namni tokko iyyuu achiin hin darbu; marʼachuun looniis hin dhagaʼamu. Simbirroonni samii achii baqataniiru; bineensonnis godaananiiru.
Nitalia na kuomboleza kwa ajili ya milima na kuomboleza kuhusu malisho ya jangwani. Yamekuwa ukiwa, wala hakuna apitaye humo, milio ya ngʼombe haisikiki. Ndege wa angani wametoroka na wanyama wamekimbia.
11 “Ani Yerusaalemin tuullaa waan diigameetii fi boolla waangoo nan godha; akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu hin dandeenyeef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
“Nitaifanya Yerusalemu lundo la magofu, makao ya mbweha; nami nitaifanya miji ya Yuda kuwa ukiwa ili asiwepo atakayeishi humo.”
12 Ogeessi waan kana hubachuu dandaʼu eenyu? Namni Waaqayyoon qajeelfamee waan kana ibsuu dandaʼu eenyu? Biyyattiin maaliif akkuma gammoojjii namni tokko iyyuu keessa darbuu hin dandeenye tokkootti diigamtee onte?
Ni mtu yupi aliye na hekima ya kutosha ayaelewe haya? Ni nani aliyefundishwa na Bwana awezaye kuyaeleza haya? Kwa nini nchi imeharibiwa na kufanywa ukiwa kama jangwa ambapo hakuna awezaye kupita?
13 Waaqayyo akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune.
Bwana akasema, “Ni kwa sababu wameiacha sheria yangu, niliyoiweka mbele yao: hawajaniheshimu mimi wala kufuata sheria yangu.
14 Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.”
Badala yake wamefuata ukaidi wa mioyo yao, wamefuata Mabaali, kama vile baba zao walivyowafundisha.”
15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani akka sabni kun nyaata hadhaaʼaa nyaatuu fi akka inni bishaan summaaʼaa dhugu nan godha.
Kwa hiyo, hivi ndivyo asemavyo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli: “Tazama, nitawafanya watu hawa wale chakula kichungu na kunywa maji yenye sumu.
16 Ani saboota isaan yookaan abbootiin isaanii hin beekin keessa isaan nan bittinneessa; ani hamman lafa irraa isaan barbadeessuttis goraadeedhaan isaan nan ariʼa.”
Nitawatawanya katika mataifa ambayo wao wala baba zao hawakuwajua, nikiwafuata kwa upanga mpaka niwe nimewaangamiza kabisa.”
17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Mee qalbeeffadhaa! Akka dubartoonni nama boossisan dhufaniif waamaa; isaan keessaa warra ogummaadhaan caalanitti nama ergaa waamsisaa.
Hivi ndivyo asemavyo Bwana Mwenye Nguvu Zote: “Fikiri sasa! Waite wanawake waombolezao waje, waite wale walio na ustadi kuliko wote.
18 Isaan dafanii dhufanii hamma iji keenya imimmaan yaasee bishaanis baallee ija keenyaa keessaa burqutti iyyanii nuuf haa booʼan.
Nao waje upesi na kutuombolezea, mpaka macho yetu yafurike machozi na vijito vya maji vitoke kwenye kope zetu.
19 Sagaleen booʼichaa kan, ‘Nu hammam badneerra! Qaaniin keenyas hammam guddaa dha! Sababii manneen keenya diigamaniif nu biyya keenya keessaa baʼuu qabna’ jedhu tokko Xiyoon keessaa ni dhagaʼama.”
Sauti ya kuomboleza imesikika kutoka Sayuni: ‘Tazama jinsi tulivyoangamizwa! Tazama jinsi aibu yetu ilivyo kubwa! Ni lazima tuihame nchi yetu kwa sababu nyumba zetu zimekuwa magofu.’”
20 Yaa dubartoota, egaa dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; dubbii afaan isaatii baʼuuf gurra keessan banadhaa. Akka itti booʼan intallan keessan barsiisaa; faaruus wal barsiisaa.
Basi, enyi wanawake, sikieni neno la Bwana; fungueni masikio yenu msikie maneno ya kinywa chake. Wafundisheni binti zenu kuomboleza; fundishaneni kila mmoja na mwenzake maombolezo.
21 Duuti foddaa keenyaan ol lixeera; daʼannoowwan keenyas seeneera; innis daandiiwwan irraa ijoollee oobdiiwwan sabaa irraa dargaggoota balleesseera.
Mauti imeingia ndani kupitia madirishani, imeingia kwenye majumba yetu ya fahari; imewakatilia mbali watoto katika barabara na vijana waume kutoka viwanja vya miji.
22 Ati akkana jedhi: “Waaqayyo akkana jedha: “‘Reeffi namootaa akkuma kosii diidatti gatamee, akkuma bissii midhaanii kan nama haamuu duubaan hafee nama walitti qabu dhabeetti ciciisa.’”
Sema, “Hili ndilo asemalo Bwana: “‘Maiti za wanaume zitalala kama mavi katika mashamba, kama malundo ya nafaka nyuma ya mvunaji, wala hakuna anayekusanya.’”
23 Waaqayyo akkana jedha: “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin; yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin;
Hili ndilo asemalo Bwana: “Mwenye hekima asijisifu katika hekima yake, au mwenye nguvu ajisifu katika nguvu zake, wala tajiri ajisifu katika utajiri wake,
24 namni boonu garuu, akka ani Waaqayyo garaa namaaf laafu, kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe hubatee na beekuu isaatiin haa boonu; ani waan kanatti nan gammadaatii,” jedha Waaqayyo.
lakini yeye ajisifuye, na ajisifu kwa sababu hili: kwamba ananifahamu na kunijua mimi, kwamba mimi ndimi Bwana, nitendaye wema, hukumu na haki duniani, kwa kuwa napendezwa na haya,” asema Bwana.
25 Waaqayyo akkana jedha; “Barri ani itti warra foon isaanii qofaan dhagna qabaman hunda adabu ni dhufa; isaanis:
“Siku zinakuja, nitakapowaadhibu wale wote ambao wametahiriwa kimwili tu, asema Bwana,
26 Gibxi, Yihuudaa, Edoom, Amoon, Moʼaabii fi warra gammoojjii keessa iddoo fagoo jiraatan hunda. Saboonni kunneen hundi dhugumaan dhagna hin qabamne; garaan mana Israaʼel hundaa iyyuu dhagna hin qabamne.”
yaani Misri, Yuda, Edomu, Amoni, Moabu na wote wanaoishi jangwani sehemu za mbali. Kwa maana mataifa haya yote hayakutahiriwa mioyo yao, nayo nyumba yote ya Israeli haikutahiriwa.”

< Ermiyaas 9 >