< Ermiyaas 8 >

1 “‘Bara sana lafeen moototaatii fi qondaaltota Yihuudaa, lafeen lubootaatii fi raajotaa, lafeen namoota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni baafama’ jedha Waaqayyo.
I KELA manawa, wahi a Iehova, e lawe mai no lakou i na iwi o na'lii o ka Iuda, a me na iwi o na luna, a me na iwi o na kahuna, a me na iwi o na kaula, a me na iwi o ka poe i noho ma Ierusalema, mawaho o ko lakou mau halelua;
2 ‘Isaan fuula aduu fi jiʼaa duratti, fuula guutummaa urjiiwwan samii hundaa, kanneen jaallatanii fi tajaajilanii, kanneen faana buʼanii gorsa gaafatanii fi waaqeffatan sanaa duratti ni saaxilamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼan malee walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
A e kaulai no hoi lakou ia mau mea i ka la, a i ka mahina, a i na hoku a pau o ka lani, i na mea a lakou i makemake ai, a i hookauwa ai hoi na lakou, a i hahai mamuli o lakou, a i imi ia lakou, a i hoomana ia lakou; aole e hoiliiliia ia mau iwi, aole hoi e kanu hou ia; e lilo lakou i mea kipulu maluna o ka honua.
3 Hambaan saba hamaa kanaa hundi lafa ani itti isaan ariʼu hundatti jireenya irra duʼa filata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
A e kohoia ka make, aole o ke ola, e na kanaka i koe, o keia poe i hookoeia o keia hanauna hewa, o ka poe i koe ma na wahi a pau a'u i kipaku aku ai ia lakou, wahi a Iehova o na kaua.
4 “Ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Namoonni yoo kufan hin kaʼanii? Namni tokko yoo karaa irraa bade hin deebiʼuu?
A e olelo aku no hoi oe ia lakou, Ke i mai nei o Iehova penei, E hina anei lakou a ala ole mai? E huli aku anei ia, a hoi ole mai?
5 Yoos sabni kun maaliif karaa irraa jalʼata? Yerusaalem maaliif yeroo hunda karaa irraa jalʼatti? Isaan gowwoomsaatti cichu; deebiʼuus ni didu.
Heaha ka mea e hoihope ai keia poe kanaka o Ierusalema me ka hoihope mau loa? Hoopaa loa lakou i ka wahahee; hoole lakou, aole e hoi mai.
6 Ani qalbeeffadhee dhaggeeffadheera; isaan garuu waan qajeelaa hin dubbatan. Namni tokko iyyuu, “Ani maalan balleesse?” jedhee hammina isaa irraa hin deebiʼu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma farda lolatti gulufuu karaa ofii isaanii irra qajeelu.
Hoolohe aku la au, a lohe, aole lakou i olelo pololei: aohe kanaka i mihi i kona hewa, me ka olelo iho, Heaha ka'u i hana'i? Huli no kela mea keia mea i kona aoao, e like me ka lio i holo ino iloko o ke kaua.
7 Huummoon samii keessaa iyyuu waqtii isheef murtaaʼe ni beekti; gugeen, daalotee fi cuquliisnis yeroo godaansa isaanii ni eegu. Sabni koo garuu seera Waaqayyoo hin beeku.
Oia, ua ike no ke setoreka ma ka lani i ka manawa pono: a malama no hoi ke kuhukuku, a me ka manu u, a me ka manuioio i ko lakou wa e hele mai ai: aka, o ko'u poe kanaka, aole ike lakou i ka hoopono o Iehova.
8 “‘Isin akkamitti, “Nu seera Waaqayyoo waan qabnuuf ogeeyyii dha” jechuu dandeessu? Garuu kunoo, qalamni sobaa kan barreessitootaa sobee barreesseera.
Pehea la oukou e olelo ai, Ua akamai makou, a eia ia makou ke kanawai o Iehova? Aia hoi, ua hoololi ka peni hoopunipuni a ka poe kakauolelo ia mea i wahahee.
9 Namoonni ogeeyyiin ni qaaneffamu; isaan naʼanii kiyyoodhaan ni qabamu; isaan erga dubbii Waaqayyoo tuffatanii, ogummaa akkamii qabu ree?
E hilahila auanei ka poe akamai, e makau, a e pio. Aia hoi, ua hoole lakou i ka olelo a Iehova: heaha hoi ke akamai iloko o lakou?
10 Kanaafuu ani niitota isaanii namoota biraatiif, lafa qotiisaa isaanii immoo moʼattootaaf nan kenna. Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
Nolaila, e haawi aku au i ka lakou poe wahine na hai, a me ko lakou mahinaai no ka poe hou e noho iho ai; no ka mea, ua makee waiwai kela mea, keia mea o lakou, mai ka mea uuku o lakou a i ka mea nui; a mai ke kaula a i ke kahuna, hana no kela mea keia mea ma ka wahahee.
11 Isaan madaa saba kootii, akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis “Nagaa, nagaa” jedhu.
Ua hoola hapa lakou i ka eha o ke kaikamahine o ko'u poe kanaka, me ka olelo iho, He malu, he malu: aole hoi he malu.
12 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo adabamanitti gad gatamu jedha Waaqayyo.
Ua hilahila anei lakou i ka lakou hana ana i ka mea e hoopailua'i? Ole, aole lakou i hilahila iki, aole hoi i ike i ka hoopalaimaka; nolaila lakou e haule ai iwaena o ka poe haule; a ia lakou e hoopaiia'i, alaila lakou e kulaina'i, wahi a Iehova.
13 “‘Ani guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; jedha Waaqayyo. Wayinii irratti iji hin argamu. Iji harbuu muka harbuu irratti hin argamu. Baalli isaaniis ni coollaga. Wanni ani isaaniif kenne isaan irraa ni fudhatama.’”
Oiaio, e hoopau no au ia lakou, wahi a Iehova; aole e loaa na hua ma ko lakou kumuwaina, aole hoi he fiku ma ka laau fiku, a e mae wale ka lau; a e lilo ia mau mea na ka poe hele mai maluna o lakou.
14 Nu maaliif as teenya? Walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannee achitti haa dhumnu! Waan nu cubbuu isatti hojjenneef Waaqayyo Waaqni keenya badiisatti dabarsee nu kenneeraatii; akka dhugnuufis bishaan summaaʼaa nuu kenneera.
No ke aha la kakou e noho malie ai? E hoakoakoa oukou, a e komo iloko o na kulanakauhale i paa i ka pa, a malaila kakou e noho ekemu ole ai; no ka mea, e luku mai o Iehova ia kakou, a e hoohainu mai ia kakou i ka wai o ke au, no ka mea, ua hana hewa kakou ia Iehova.
15 Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu goolii qofatu ture.
Kakali kakou i ka malu; aohe pono: a i ka manawa o ke ola, aia hoi, he popilikia!
16 Daan keessaa korrisuu fardeen diinaatu dhagaʼama; guutuun biyyattii himimsuu korommii fardeen isaaniitiin hollatti. Isaan biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda, magaalaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda, balleessuuf dhufaniiru.
Ua loheia ka hau ana o na lio mai Dana mai; haalulu ka aina a pau no ka uhuuhu ana o ka poe ikaika: no ka mea, ua hiki mai lakou, a ua hoopau lakou i ka aina, a me na mea a pau maloko olaila, i ke kulanakauhale, a me ka poe noho maloko olaila.
17 “Ani kunoo bofa hadhaa qabu, buutii falfalli dawweessuu hin dandeenye isinitti nan erga; isaanis isin iddu” jedha Waaqayyo.
No ka mea, aia hoi, e hoouna aku no au i na nahesa, a me na moo pepeiaohao iwaena o oukou, aole hoi lakou e hoowalewaleia, a e nahu mai no lakou ia oukou, wahi a Iehova.
18 Yaa isa gadda keessatti na Jajjabeessitu, onneen koo na keessatti gaggabdeerti.
I maha no kuu kaumaha, ua maule no ko'u naau iloko o'u.
19 Kunoo, iyyi saba kootii biyya fagoodhaa ni dhagaʼama: “Waaqayyo Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin ishee achi hin jiruu?” “Isaan maaliif fakkiiwwan isaaniitiin, waaqota isaanii tolfamoo biyya ormaatiin dheekkamsaaf na kakaasu?”
Aia hoi, ka leo o ka uwe ana o ke kaikamahine o ko'u poe kanaka, ma ka aina mamao mai; Aole anei o Iehova ma Ziona? Aole anei kona alii iloko ona? No ke aha la lakou i hoonaukiuki mai nei ia'u i ko lakou kii kalaiia, a me na mea lapuwale no kahi e mai?
20 “Yeroon itti midhaan galfamu darbeera; bonnis hobbaʼeera; nu garuu hin fayyine.”
Ua hala ka hoiliili ai ana, ua pau no ke kau, aole hoi kakou i hoolaia.
21 Sabni koo waan miidhameef anis miidhameera; Ani nan booʼe; sodaan guddaanis na qabate.
Ua eha au no ka eha ana o ke kaikamahine o ko'u poe kanaka; ua eleele au, ua loohia au i ka pilihua.
22 Qorichi dibatan Giliʼaad keessa hin jiruu? Abbaan qorichaa tokko iyyuu achi hin jiruu? Yoos madaan intala saba kootii maaliif hin fayyu ree?
Aole anei he nini ma Gileada? aole anei he kahuna lapaau malaila? No ke aha la i loaa ole ai ke ola no ke kaikamahine o ko'u poe kanaka?

< Ermiyaas 8 >