< Ermiyaas 7 >

1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha;
הדבר אשר היה אל ירמיהו מאת יהוה לאמר
2 “Balbala mana Waaqayyoo dura dhaabadhuutii akkana jedhii ergaa kana labsi: “‘Isin sabni Yihuudaa warri Waaqayyoon waaqeffachuuf balbalawwan kanneeniin ol seentan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
עמד בשער בית יהוה וקראת שם את הדבר הזה ואמרת שמעו דבר יהוה כל יהודה הבאים בשערים האלה להשתחות ליהוה
3 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; anis akka isin iddoo kana jiraattan nan godha.
כה אמר יהוה צבאות אלהי ישראל היטיבו דרכיכם ומעלליכם ואשכנה אתכם במקום הזה
4 Isin dubbii sobaa amanattanii, “Kun mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti!” hin jedhinaa.
אל תבטחו לכם אל דברי השקר לאמר היכל יהוה היכל יהוה היכל יהוה המה
5 Isin utuu dhugumaan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfattanii murtii qajeelaa waliif kennitanii,
כי אם היטיב תיטיבו את דרכיכם ואת מעלליכם אם עשו תעשו משפט בין איש ובין רעהו
6 utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii,
גר יתום ואלמנה לא תעשקו ודם נקי אל תשפכו במקום הזה ואחרי אלהים אחרים לא תלכו לרע לכם
7 silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha.
ושכנתי אתכם במקום הזה--בארץ אשר נתתי לאבותיכם למן עולם ועד עולם
8 Isin garuu dubbii sobaa kan faayidaa hin qabne amanachaa jirtu.
הנה אתם בטחים לכם על דברי השקר--לבלתי הועיל
9 “‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii,
הגנב רצח ונאף והשבע לשקר וקטר לבעל והלך אחרי אלהים אחרים--אשר לא ידעתם
10 ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu?
ובאתם ועמדתם לפני בבית הזה אשר נקרא שמי עליו ואמרתם נצלנו--למען עשות את כל התועבות האלה
11 Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha Waaqayyo.
המערת פרצים היה הבית הזה אשר נקרא שמי עליו--בעיניכם גם אנכי הנה ראיתי נאם יהוה
12 “‘Mee gara Shiiloo iddoo ani jalqabatti iddoo jireenya Maqaa kootiif godhadhe sanaa dhaqaatii waan ani sababii hammina saba koo Israaʼeliif ishee godhe ilaalaa.
כי לכו נא אל מקומי אשר בשילו אשר שכנתי שמי שם בראשונה וראו את אשר עשיתי לו מפני רעת עמי ישראל
13 Waaqayyo akkana jedha: Yeroo isin waan kana hunda gootanitti, ani ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Ani isinan waame; isin garuu hin owwaanne.
ועתה יען עשותכם את כל המעשים האלה--נאם יהוה ואדבר אליכם השכם ודבר ולא שמעתם ואקרא אתכם ולא עניתם
14 Kanaafuu ani waanan Shiilootti fide sana amma mana Maqaa kootiin waamamu, mana Qulqullummaa kan isin amanattan, iddoo ani isinii fi abbootii keessaniif kenne kanattis nan fida.
ועשיתי לבית אשר נקרא שמי עליו אשר אתם בטחים בו ולמקום אשר נתתי לכם ולאבותיכם--כאשר עשיתי לשלו
15 Ani akkuman obboloota keessan jechuunis saba Efreem hunda fuula koo duraa ariʼe sana isiniinis nan ariʼa.’
והשלכתי אתכם מעל פני כאשר השלכתי את כל אחיכם את כל זרע אפרים
16 “Kanaafuu ati saba kanaaf hin kadhatin; yookaan waaʼee isaaniitiif hin booʼin yookaan waammata hin dhiʼeessin; ani si hin dhagaʼuutii na hin kadhatin.
ואתה אל תתפלל בעד העם הזה ואל תשא בעדם רנה ותפלה--ואל תפגע בי כי אינני שמע אתך
17 Ati waan isaan magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjetan hin argituu?
האינך ראה מה המה עשים בערי יהודה ובחצות ירושלם
18 Ijoolleen qoraan funaanu; abbootiin ibidda qabsiisu; dubartoonni immoo Mootittii Samiitiif keekii tolchuuf bukoo bukeessu. Isaan dheekkamsaaf na kakaasuuf waaqota biraatiif dhibaayyuu dhibaafatu.
הבנים מלקטים עצים והאבות מבערים את האש והנשים לשות בצק לעשות כונים למלכת השמים והסך נסכים לאלהים אחרים--למען הכעסני
19 Garuu kan isaan dheekkamsaaf kakaasan anaa? jedha Waaqayyo. Isaan ofuma miidhanii qaanaʼan mitii?
האתי הם מכעסים נאם יהוה הלוא אתם למען בשת פניהם
20 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Aarii fi dheekkamsi koo iddoo kana irratti, namaa fi horii irratti, mukkeen diidaattii fi waan lafti baaftu irratti ni dhangalaʼa; inni inuma bobaʼa malee hin dhaamu.
לכן כה אמר אדני יהוה הנה אפי וחמתי נתכת אל המקום הזה על האדם ועל הבהמה ועל עץ השדה ועל פרי האדמה ובערה ולא תכבה
21 “‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Aarsaa keessan kan gubamu qalma keessanitti dabalaatii foon nyaadhaa!
כה אמר יהוה צבאות אלהי ישראל עלותיכם ספו על זבחיכם ואכלו בשר
22 Ani yeroon biyya Gibxii abbootii keessan baasetti waaʼee aarsaa gubamuutii fi qalmaa isaanitti hin dubbanne yookaan isaan hin ajajne;
כי לא דברתי את אבותיכם ולא צויתים ביום הוציא (הוציאי) אותם מארץ מצרים--על דברי עולה וזבח
23 ani garuu ajaja kana isaaniif nan kenne: Anaaf ajajamaa; ani Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. Akka isinii toluuf karaa ani isin ajaju hunda irra deemaa.
כי אם את הדבר הזה צויתי אותם לאמר שמעו בקולי--והייתי לכם לאלהים ואתם תהיו לי לעם והלכתם בכל הדרך אשר אצוה אתכם למען ייטב לכם
24 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa mata jabina fedhii garaa isaanii duukaa baʼan. Isaan dugda duubatti deebiʼan malee gara fuula duraatti hin deemne.
ולא שמעו ולא הטו את אזנם וילכו במעצות בשררות לבם הרע ויהיו לאחור ולא לפנים
25 Gaafa abbootiin keessan biyya Gibxii baʼanii jalqabee hamma ammaatti ani guyyuma guyyaan, ammumaa amma tajaajiltoota koo raajota isiniif ergeera.
למן היום אשר יצאו אבותיכם מארץ מצרים עד היום הזה--ואשלח אליכם את כל עבדי הנביאים יום השכם ושלח
26 Isaan garuu na hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne. Isaan mataa jabaatanii abbootii isaanii caalaa waan hamaa hojjetan.’
ולוא שמעו אלי ולא הטו את אזנם ויקשו את ערפם--הרעו מאבותם
27 “Yeroo ati waan kana hunda isaanitti himtu isaan si hin dhagaʼan; yeroo ati isaan waamtus si jalaa hin owwaatan.
ודברת אליהם את כל הדברים האלה ולא ישמעו אליך וקראת אליהם ולא יענוכה
28 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Sabni kun saba Waaqayyo Waaqa isaatiif hin ajajamne, kan adabbii isaa illee hin fudhannee dha. Dhugaan badeera; afaan isaanii keessaas dhabameera.
ואמרת אליהם זה הגוי אשר לוא שמעו בקול יהוה אלהיו ולא לקחו מוסר אבדה האמונה ונכרתה מפיהם
29 “‘Rifeensa mataa keetii of irraa cirii gati; iddoo ol kaʼaa qullaatti ol baʼii booʼi; Waaqayyo dhaloota dheekkamsa isaa jala jiru kana tuffatee gateeraatii.
גזי נזרך והשליכי ושאי על שפים קינה כי מאס יהוה ויטש את דור עברתו
30 “‘Sabni Yihuudaa fuula koo duratti waan hamaa hojjeteera; jedha Waaqayyo. Isaan waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo mana maqaa kootiin waamamu keessa dhaabanii manicha xureessaniiru.
כי עשו בני יהודה הרע בעיני נאם יהוה שמו שקוציהם בבית אשר נקרא שמי עליו--לטמאו
31 Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha.
ובנו במות התפת אשר בגיא בן הנם לשרף את בניהם ואת בנתיהם באש--אשר לא צויתי ולא עלתה על לבי
32 Kanaafuu beekkadhaa! Barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula qalmaa jedhanii waaman malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa; isaan hamma iddoon hanqatutti Toofetitti warra duʼan awwaaluutii, jedha Waaqayyo.
לכן הנה ימים באים נאם יהוה ולא יאמר עוד התפת וגיא בן הנם כי אם גיא ההרגה וקברו בתפת מאין מקום
33 Reeffi namoota kanaa simbirroota samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee irraa isaan ariʼu tokko iyyuu hin jiru.
והיתה נבלת העם הזה למאכל לעוף השמים ולבהמת הארץ ואין מחריד
34 Ani magaalaawwan Yihuudaa keessaa fi daandiiwwan Yerusaalem irra sagalee kolfaatii fi gammachuu, sagalee misirrichaatii fi misirrittii nan balleessa; biyyattiin ni ontiitii.
והשבתי מערי יהודה ומחצות ירושלם קול ששון וקול שמחה קול חתן וקול כלה כי לחרבה תהיה הארץ

< Ermiyaas 7 >