< Ermiyaas 6 >
1 “Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! Yerusaalem keessaa baqadhaa! Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! Karaa kaabaatiin balaan, badiisni suukaneessaan ni dhufaatii.
E NA mamo a Beniamina, e hoakoakoa oukou e holo aku mawaho o Ierusalema; a e puhi i ka pu ma Tekoa, a e kau hoi i ka hoailona o ke ahi ma Betehakerema. No ka mea, aneane mai ka hewa, a me ka make nui, mai ke kukulu akau mai.
2 Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi qananiituu sana nan galaafadha.
Ua hoopau no au i ke kaikamahine o Ziona, i ka mea puloku, a palupalu.
3 Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.”
E hele mai no io na la na kahu hipa, me ko lakou poe hipa, e kukulu no lakou i na halelewa a puni ia wahi; e ai no kela mea keia mea i kona wahi iho.
4 “Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; gaaddisni galgalaas dheerateera.
E hoomakaukau oukou e kaua ia ia; e ku mai, e pii ku e kakou ia ia i ke awakea. Auwe kakou! no ka mea, e pau ana ka la; ua hohola ae ka molehulehu o ke ahiahi.
5 Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!”
E ku mai, e hele hoi kakou i ka po, a e wawahi i kona mau hale alii.
6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Mukkeen ishee ciraa; naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; magaalaan kun adabamuu qabdi; isheen cunqursaadhaan guutamteertii.
No ka mea, ua olelo mai o Iehova o na kaua penei, E kua oukou ilalo i mau laau, a e hana hoi i puu ku e ia Ierusalema; oia ke kulanakauhale e hoopaiia'i; o ka hooluhi wale no ko loko ona.
7 Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, isheenis hammina ishee gad yaafti; jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran.
A like me ka punawai i puai mai i kona mau wai, pela no oia i puai mai i kona hewa. Ua loheia ka lawe wale a me ka hao ana maloko ona; imua o ko'u alo, ua mau loa no ke kaumaha a me ka palapu.
8 Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.”
E aoia oe, e Ierusalema, o haalele kuu uhane ia oe, a hooneoneo aku hoi au ia oe, he aina noho ole ia.
9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.”
Ke olelo mai nei o Iehova o na kaua penei, E hoiliili no lakou i ke koena a pau o ka Iseraela, e like me ke kumu waina; e hoihoi i kou lima, e like me ka mea hoiliili i ka huawaina iloko o na hinai.
10 Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? Eenyutu na dhaggeeffata? Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; dhagaʼuus hin dandaʼan. Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu; ittis hin gammadan.
Ia wai la wau e olelo aim ai, a e ao aku hoi, i lohe lakou? Aia hoi, ua okipoepoe ole ia ko lakou pepeiao, aole hiki ia lakou ke hoolohe: aia hoi, he mea hoowahawaha ka olelo a ke Akua ia lakou, aohe o lakou lealea iloko o ia mea.
11 Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera; obsuus hin dandaʼu. “Ijoollee daandii irra jiran irratti, dargaggoota walitti qabaman irratti, dhirsaa fi niitii irratti, warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa.
Nolaila, ua piha au i ka inaina o Iehova; ua auka au i ka uumi ana. E ninini aku au ia maluna o na kamalii mawaho, maluna pu no me ka ahakanaka ui; no ka mea, e lawe pio pu ia no ke kane me ka wahine, o ka mea elemakule me ka mea i nui kona mau la.
12 Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo.
A e hooliloia ko lakou hale no na kanaka e, a me na mahinaai, a me na wahine pu; no ka mea, e kikoo aku no au i ko'u lima, maluna o ka poe e noho ana ma ka aina, wahi a Iehova.
13 “Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
No ka mea, mai ka mea uuku o lakou a ka mea nui o lakou, ua makee waiwai lakou a pau; a mai ke kaula mai a ke kahuna, hana ma ka wahahee kela mea keia mea.
14 Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu.
Ua hoola hapa lakou i ka eha o ko'u poe kanaka, me ka olelo iho, He malu, he malu; aole hoi he malu.
15 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” jedha Waaqayyo.
Ua hilahila anei lakou ia lakou i hana'i i ka mea e hoopailua ai? Ole, aole lakou i hilahila iki, aole hoi i ike i ka hoopalaimaka; nolaila lakou e haule ai iwaena o ka poe haule; a hoopai aku au ia lakou, alaila lakou e kulaina'i, wahi a Iehova.
16 Waaqayyo akkana jedha: “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; daandii durii iyyaafadhaa; karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
Ke i mai nei o Iehova penei, E ku mai oukou ma na alanui, a nana, a e ninau hoi no na kuamoo kahiko. Auhea ka aoao maikai? E hele oukou maloko olaila, a e loaa no ia oukou ka hoomaha no ko oukou poe uhane. Aka, olelo mai la lakou, Aole makou e hele.
17 Ani eegdota isinitti ramadeen ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan.
A hoonoho iho la au i poe kiai maluna o oukou, nana i olelo, E hoolohe oukou i ke kani ana o ka pu. Aka, olelo mai la lakou, Aole makou e hoolohe.
18 Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; yaa waldaa, waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa.
Nolaila, e hoolohe mai oukou, e na aina, a e ike hoi, e ka ahakanaka, i ka mea mawaenao lakou.
19 Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
E hoolohe mai, e ka honua! aia hoi, e lawe mai ana no wau i ka hewa maluna o keia poe kanaka, i ka hua hoi o ko lakou manao iho; no ka mea, aole lakou i hoolohe mai i ka'u mau olelo, aole hoi i ko'u kanawai, aka, hoole lakou ia.
20 Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; qalmi keessanis hin tolu.”
No ke aha la e hele mai ai ka mea ala mai Seba mai no'u? A me ka ohe ala mai ka aina mamao aku mai? Aole i makemakeia e a'u ko oukou mohaikuni, aole hoi i oluolu ko oukou alana.
21 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.”
Nolaila, ke olelo mai nei o Iehova penei, Aia hoi, e waiho aku au i mau mea e hina'i imua o keia poe kanaka, a e haule pu maluna o ia mau mea na makuakane, a me na keikikane. E make pu no ka hoalauna, a me kona hoa.
22 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, gareen loltootaa tokko biyya kaabaatii dhufaa jira; sabni guddaan tokkos andaara lafaatii sosochoʼaa jira.
Ke i mai nei o Iehova penei, Aia hoi, he poe kanaka e hele mai la, mai ka aina akau mai; a e hoalaia mai ka lahuikanaka nui, mai na aoao mai o ka honua.
23 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.”
E lalau no lakou i ke kakaka, a me ka ihe: he poe lokoino lakou, aohe o lakou lokomaikai; halulu ko lakou leo, e like me ke kai; a holo no lakou maluna o na lio i hoomakaukauia e like me na kanaka kaua e ku e aku ia oe, e ke kaikamahine o Ziona.
24 Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; harki keenyas ni laafe. Dhiphinni nu qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe.
Ua lohe makou i kona kaulana, ua nawaliwali hoi ko makou mau lima; ua loohia makou i ka haalulu, a me ke kuakoko e like me ko ka wahine hanau keiki.
25 Sababii diinni goraadee qabatee fi sababii iddoo hunda gooliin jiruuf isin diidatti gad hin baʼinaa; yookaan karaa irra hin deemnaa.
Mai hele aku iloko o ke kula, mai hele hoi ma na alanui; no ka mea, aia no ka pahikaua o ka enemi, a me ka makau ma na aoao a pau.
26 Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii daaraa keessa gangaladhaa; akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti hiqqifadhaa booʼaa; inni nama balleessu sun akkuma tasaa nutti dhufaatii.
E ke kaikamahine o ko'u poe kanaka, e hoaahu oe i kapa Kumakena, a e lulu i ka lehu maluna ou; a e kumakena hoi oe, e like me ia no ka hanaukahi, he kumakena ino loa; no ka mea, e hele hoohikilele mai ana ka mea anai ia kakou.
27 “Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf ani saba koo gidduutti qorataa si godheera.
Ua hoonoho wau ia oe, i hale kiai, a i pakaua mawaena o ko'u poe kanaka, i ike oe, a e hoao i ko lakou aoao.
28 Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. Isaan naasii fi sibiila; isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu.
He poe hoihope ino lakou a pau, e hele ana me ka ahiahi; he keleawe lakou, a he hao hoi; he poe hoohaumia lakou a pau.
29 Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf humna guddaan buufa; hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; namoonni hamoon hin balleeffamneetii.
Ua wela na upamakani, ua pau i ke ahi ke kepau; o ka mea hoohehee, hoohehee makehewa no oia: no ka mea, aole i laweia'ku ka poe hewa.
30 Sababii Waaqayyo isaan gateef isaan meetii gatamaa jedhamu.”
E kapaia no lakou, he kala i haaleleia, no ka mea, ua haalele o Iehova ia lakou.