< Ermiyaas 6 >

1 “Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! Yerusaalem keessaa baqadhaa! Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! Karaa kaabaatiin balaan, badiisni suukaneessaan ni dhufaatii.
便雅悯人哪,你们要逃出耶路撒冷, 在提哥亚吹角, 在伯·哈基琳立号旗; 因为有灾祸与大毁灭从北方张望。
2 Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi qananiituu sana nan galaafadha.
那秀美娇嫩的锡安女子, 我必剪除。
3 Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.”
牧人必引他们的羊群到她那里, 在她周围支搭帐棚, 各在自己所占之地使羊吃草。
4 “Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; gaaddisni galgalaas dheerateera.
你们要准备攻击她。 起来吧,我们可以趁午时上去。 哀哉!日已渐斜, 晚影拖长了。
5 Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!”
起来吧,我们夜间上去, 毁坏她的宫殿。
6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Mukkeen ishee ciraa; naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; magaalaan kun adabamuu qabdi; isheen cunqursaadhaan guutamteertii.
因为万军之耶和华如此说: 你们要砍伐树木, 筑垒攻打耶路撒冷。 这就是那该罚的城, 其中尽是欺压。
7 Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, isheenis hammina ishee gad yaafti; jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran.
井怎样涌出水来, 这城也照样涌出恶来; 在其间常听见有强暴毁灭的事, 病患损伤也常在我面前。
8 Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.”
耶路撒冷啊,你当受教, 免得我心与你生疏, 免得我使你荒凉, 成为无人居住之地。
9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.”
万军之耶和华曾如此说: 敌人必掳尽以色列剩下的民, 如同摘净葡萄一样。 你要像摘葡萄的人摘了又摘,回手放在筐子里。
10 Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? Eenyutu na dhaggeeffata? Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; dhagaʼuus hin dandaʼan. Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu; ittis hin gammadan.
现在我可以向谁说话作见证,使他们听呢? 他们的耳朵未受割礼,不能听见。 看哪,耶和华的话他们以为羞辱, 不以为喜悦。
11 Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera; obsuus hin dandaʼu. “Ijoollee daandii irra jiran irratti, dargaggoota walitti qabaman irratti, dhirsaa fi niitii irratti, warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa.
因此我被耶和华的忿怒充满,难以含忍。 我要倾在街中的孩童和聚会的少年人身上, 连夫带妻, 并年老的与日子满足的都必被擒拿。
12 Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo.
他们的房屋、田地, 和妻子都必转归别人; 我要伸手攻击这地的居民。 这是耶和华说的。
13 “Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
因为他们从最小的到至大的都一味地贪婪, 从先知到祭司都行事虚谎。
14 Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu.
他们轻轻忽忽地医治我百姓的损伤, 说:平安了!平安了! 其实没有平安。
15 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” jedha Waaqayyo.
他们行可憎的事知道惭愧吗? 不然,他们毫不惭愧, 也不知羞耻。 因此,他们必在仆倒的人中仆倒; 我向他们讨罪的时候, 他们必致跌倒。 这是耶和华说的。
16 Waaqayyo akkana jedha: “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; daandii durii iyyaafadhaa; karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
耶和华如此说: 你们当站在路上察看, 访问古道, 哪是善道,便行在其间; 这样,你们心里必得安息。 他们却说:我们不行在其间。
17 Ani eegdota isinitti ramadeen ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan.
我设立守望的人照管你们, 说:要听角声。 他们却说:我们不听。
18 Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; yaa waldaa, waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa.
列国啊,因此你们当听! 会众啊,要知道他们必遭遇的事。
19 Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
地啊,当听! 我必使灾祸临到这百姓, 就是他们意念所结的果子; 因为他们不听从我的言语, 至于我的训诲,他们也厌弃了。
20 Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; qalmi keessanis hin tolu.”
从示巴出的乳香, 从远方出的菖蒲 奉来给我有何益呢? 你们的燔祭不蒙悦纳; 你们的平安祭,我也不喜悦。
21 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.”
所以耶和华如此说: 我要将绊脚石放在这百姓前面。 父亲和儿子要一同跌在其上; 邻舍与朋友也都灭亡。
22 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, gareen loltootaa tokko biyya kaabaatii dhufaa jira; sabni guddaan tokkos andaara lafaatii sosochoʼaa jira.
耶和华如此说: 看哪,有一种民从北方而来, 并有一大国被激动,从地极来到。
23 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.”
他们拿弓和枪, 性情残忍,不施怜悯; 他们的声音像海浪匉訇。 锡安城啊, 他们骑马都摆队伍, 如上战场的人要攻击你。
24 Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; harki keenyas ni laafe. Dhiphinni nu qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe.
我们听见他们的风声,手就发软; 痛苦将我们抓住, 疼痛仿佛产难的妇人。
25 Sababii diinni goraadee qabatee fi sababii iddoo hunda gooliin jiruuf isin diidatti gad hin baʼinaa; yookaan karaa irra hin deemnaa.
你们不要往田野去, 也不要行在路上, 因四围有仇敌的刀剑和惊吓。
26 Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii daaraa keessa gangaladhaa; akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti hiqqifadhaa booʼaa; inni nama balleessu sun akkuma tasaa nutti dhufaatii.
我民哪,应当腰束麻布,滚在灰中。 你要悲伤,如丧独生子痛痛哭号, 因为灭命的要忽然临到我们。
27 “Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf ani saba koo gidduutti qorataa si godheera.
我使你在我民中为高台,为保障, 使你知道试验他们的行动。
28 Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. Isaan naasii fi sibiila; isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu.
他们都是极悖逆的, 往来谗谤人。 他们是铜是铁, 都行坏事。
29 Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf humna guddaan buufa; hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; namoonni hamoon hin balleeffamneetii.
风箱吹火,铅被烧毁; 他们炼而又炼,终是徒然; 因为恶劣的还未除掉。
30 Sababii Waaqayyo isaan gateef isaan meetii gatamaa jedhamu.”
人必称他们为被弃的银渣, 因为耶和华已经弃掉他们。

< Ermiyaas 6 >